Yesus Dhufaa jira
11 Lakkoofsota3Afaan OromooMaarqos 1:6-8
6Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha'ame uffate, mudhii isaas teephaan hidhate, hawaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate.
7Innis, ?Inni ana irra jabaatu na booddeedhaan dhufaa jira; gad gugguufee hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf ani nama ta'u miti.
8Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha? jedhee labse.
Maarqos 1:9-11
9Bara sanatti Yesus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe.
10Yohannis akkuma Yesus bishaanicha keessaa ba'een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gugeetti dhufee isa irra bu'uu isaa arge.
11Sagaleen immoo, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhee waaqa irraa dubbate.
Maarqos 1:16-20
16Yesus ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu darbuu, Simoonii fi Indriiyaasin obboleessa Simoon kiyyoo isaanii bishaanichatti utuu darbatanii arge; isaan qurxummi-qabduu turan.
17Yesus immoo, ?Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadha? isaaniin jedhe.
18Isaan achumaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii, isa duukaa in bu'an.
19Yesus takka adeemee, Yaaqoobii fi Yohannisin ilmaan Zabdewos, bidiruu isaanii keessa taa'anii kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii arge.
20Inni achumaan isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewosin hojjetootaa wajjin bidiruu keessatti dhiisanii, Yesusin duukaa bu'an.