Yesus Duuka Bu'ootaatti Mul'ate
11 Lakkoofsota2Afaan OromooYohaannis 20:19-23
19Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.
20Kana erga jedhee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bartoonnis goofticha arganii gammadan.
21Yesus ammas itti deebi'ee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe; itti fufees, ?Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga? jedhee isaanitti dubbate.
22Kana jechaa hafuura isaanitti baafatee, ?Hafuura qulqulluu fudhadhaa!
23Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru? isaaniin jedhe.
Yohaannis 20:24-29
24Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni ?Diidimos? jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre.
25Bartoonni warri kaanis, ?Goofticha argineerra? jedhanii itti himan; inni garuu, ?Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!? isaaniin jedhe.
26Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.
27Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe.
28Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef.
29Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.