Garraamummaa

17 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

Filiphisiyus 4:5

5Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu! Gooftaan dhi'oo dha, dhi'ootti in dhufas.

Qolosaayis 3:12

12Isin warra fo'aman, warra Waaqayyoof qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!

Qolosaayis 4:5-6

5Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa kristiiyaanaa keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa!

6Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa'aa haa ta'u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta'u beekaa!

Fakkeenya 15:1

1Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.

Fakkeenya 16:24

24dubbii ba'eessi akka nadhii dammaa namatti in miyaa'a, lafee namaas in cimsa.

Galaatiyaa 5:22-23

22Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,

23garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.

Lewwoota 19:17-18

17“ ‘Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin! Dhugumaan nama balleessaa isaa hubachiisi malee, sababii isaatiif cubbuu of irratti hin fidin!

18“ ‘Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!

Roomaa 14:13

13Egaa kottaa walitti hin farannu, isin gufuu dura keessanii obboleessa keessan karaa Waaqayyo irraa akka hin gufachiifneef murtoo godhaa malee.

Galaatiyaa 6:10

10Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!

Ibraa'oota 13:1-2

1Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!

2Keessummoota simuu hin dagatinaa! Karaa kanaa namoonni utuu hin beekin ergamoota Waaqayyoo simataniiru.

Yohaannis 13:20

20Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti? jedhee isaanitti dubbate.

Zakaariyaas 7:9-10

9Waaqayyo gooftaan maccaa,“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!

10Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jedhe.