Amantii

14 Lakkoofsota11Afaan Oromoo

Faarfannaa 118:6

6Waaqayyo gara koo erga ta'ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda'a”

Faarfannaa 118:9

9Warra gurguddoota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Fakkeenya 21:31

31Fardi guyyaa lolaatiif qophaa'aa dha, mo'icha kan namaa kennu garuu Waaqayyoo dha.

Maatewos 17:20

20Yesus immoo deebisee, ?Amantiin keessan waan hir'ateef kaa! Anoo dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ?Asii ka'ii achi butadhu? in jettu, gaarichis asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin jiru. [

Maarqos 9:23

23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.

Luqaas 17:5-6

5Ergamoonni yommus gooftichaan, ?Amantii keenya nuuf guddisi!? jedhan.

6Gooftichi immoo deebiseefii, ?Amantii hamma ija sanaaficaa kan geessu utuu qabaattanii, qilxuu kanaan, ?Buqqa'ii galaana keessa dhaabami!? in jettu; innis isiniif in abboomama? jedheen.

Roomaa 1:17

17Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata?.

Roomaa 16:25-26

25Waaqayyo akka wangeela kootti, akka isa ittiin Yesus Kristos lallabametti, akka mul'achuu dhoksaa isa bara duriitii jalqabee hin dubbatamin turettis, amantiitti isin jabeessuu in danda'a.

26Amma garuu dhoksaan kun ifatti ba'eera; akka Waaqayyo inni bara baraan jiraatu ajajettis, gara amantiitti, gara abboomamuuttis isaan geessuudhaaf caaffata raajotaatiin saba hundumaatti beeksifameera.

Galaatiyaa 5:22-23

22Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,

23garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.

Ibraa'oota 11:1

1Amantiin waan abdatan ?Dhuguma in ta'a? jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ?Jira? jedhanii lakkaa'uu dha.

1ffaa Yohaannis 5:4

4Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya.