Roomaa 1

GAZGAZAfaan Oromoo32 Keeyyattoota6:20 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:20 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta'uudhaaf waamamee, wangeela Waaqayyoos lallabuudhaaf addaan kanan baafame kana caafuu koo ti.

2Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa'aa keessatti abdachiisee dha.

3Inni waa'ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate.

4Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan Yesus Kristos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan beeksifameera.

5Ulfina maqaa isaatiif saba lafa irraa hundumaa gara amantiitti, gara abboomamuuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta'uu, isumaan nuuf kennameera.

6Isinis immoo warra kan Yesus Kristos ta'uudhaaf waamaman sana keessa jirtu.

7Ammas isin warra Roomaa jiraattan, warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame hundumaan, ?Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!? jedheetan nagaa koo isiniif dhi'eessa.

8Duraan dursee, amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef sababii hunduma keessaniitiif jedhee, Yesus Kristosiin Waaqayyo koo nan galateeffadha.

9Ani wangeela ilma isaatii lallabuudhaan garaa koo guutuudhaan Waaqayyoof nan hojjedha; inni ani hojjedhuuf kunis yeroo hundumaa kadhata koo keessatti akkan isin yaadadhu in beeka.

10Waaqayyo, jaalala isaa yoo ta'e, dhufee isin arguuf akka ana dandeessisuuf nan kadhadha.

11Ani kennaa hafuuraa isiniin ga'uudhaan akka isin ittiin jabaattaniifan isin arguu yaada.

12Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf.

13Yaa obboloota ko, yeroo baay'ee dhufee isin arguudhaaf akeekuu koo akka beektan nan jaalladha; garuu yeroo hundumaa hamma ammaatti ittifameera. Saba Waaqayyoo warra hin ta'in, warra biraa keessatti akkuman hojjedhe, hojii ija qabu isin gidduuttis hojjechuufan ture.

14Ani saba hundumaafuu, warra Griikotaa fi, warra Griikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira;

15kanaaf ani isin warra Roomaa jiraattanitti immoo wangeela lallabuudhaaf dhimmamaa dha.

16Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Griikotaa fayyisuu dha.

17Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata?.

18Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi, jal'ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul'ata, isaanoo jal'ina isaaniitiin dhugaa gad in ukaamsu.

19Waa'ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda'amu isaaniifis hubatamaa dha, kanas Waaqayyo ofii isaa isaanitti hubachiiseera.

20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.

21Waaqayyoon utuma beekanii, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef, galatas isaaf hin galchine; garuu yaada isaaniitiin waan waa'ee hin baafne duukaa bu'an, sammuun isaanii inni duudaanis in dukkaneeffame.

22Ogeessota utuma ofiin jedhanii gowwooman;

23ulfina Waaqayyo isa hin duunee, bifa nama isa du'utti, bifa simbirrootaatti, bifa bineensa miilla afuriitti, bifa warra lafa irra munyuuqaniittis diddiiran.

24Kanaafis Waaqayyo kajeellaa garaa isaaniitiin xuraa'ummaatti, walii isaanii gidduuttis dhagna isaanii salphisuutti dabarsee isaan kenne.

25Isaan dhugaa waa'ee Waaqayyoo sobatti diddiiraniiru; Waaqayyoon isa hundumaa uume dhiisanii, uumamaaf sagadanii, hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaa dha! Ameen.

26Sababii kanaaf Waaqayyo kajeellaa nama salphisutti dabarsee isaan kenne; dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedha fooniitiif dhiiraa wajjin wal bira ga'an isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti diddiiratan.

27Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedha fooniitiif dubartootaa wajjin wal bira ga'an, isa uumamaan kennameef dhiisanii, kajeellaa walii isaaniitiin gubataniiru; warri dhiiraas walii isaanii gadhoomsanii, beekaa karaa irraa jal'isuu isaaniitiif adaba dhagna isaanii akka ta'utti fudhataniiru.

28Isaan Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa'iniif, Waaqayyo immoo yaada jal'aadhaa fi, waan namni hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne.

29Isaan jal'ina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guutamanii turan. Kanaanis guutamanii in hinaafu, in ajjeesu, nama in lolu, in gowwoomsu, warra kaaniif isa gadhee in hawwu, dhoksaa namaa in mul'isu;

30in hamatu, Waaqayyoon in jibbu, humnaan nama irratti in ka'u, in afuufamu, of in jaju, hamaa lafaa fuudhanii in bixilu, warra isaaniif hin abboomaman.

31Qalbii hin qaban, waan dubbatan hin eegan, jaalala of keessaa hin qaban, oo'as hin qaban.

32Akka abboommii Waaqayyootti warra kan akkasii godhaniif duuni akka isaaniif ta'u, in beeku. Haa ta'u iyyuu malee, ofii isaaniitii kan akkasii in godhu; kana gochuu isaanii duwwaas utuu hin ta'in, warra kana godhaniin ?Ba'eessa gootan? in jedhu.

Ibsa

1:1-7

Ergamaan Phaawuloos waa'ee barreesse barsiisa inni, raajonni abdii kennan guutummaa isaa kan ibsu ture. Innis Ilma Waaqayyoo, jechuunis Yesuus Fayyisaa, Masiihicha abdachiifame, kan akka namaatti Daawit irraa dhufe, garuu humna Waaqayyoo isa du'aa isa kaaseen Ilma Waaqayyoo ta'uun isaa mirkanaa'e, waa'ee isaa dubbate. Amantiin Kiristaanummaa beekumsa yaadaa yookiin walii galtee qofaa irratti kan hundaa'e miti, caalaattis falmii jal'aa irratti miti, garuu ajajummaa keessatti. Warri hundinuu, fi isaan qofatu, ajajummaa amantii bira ga'u, warri Yesuus Kiristoosiin guutummaatti waamamaniidha. Kunoo, 1. Mirga Kiristaanotaa ti; isaan Waaqayyoof jaalatamoodha, akkasumas qaama jaalatamaa sana keessaa miseensota. 2. Dirqama Kiristaanotaa ti; qulqulluu ta'uu, kanaaf waamamaniiru, qulqulloota ta'uuf waamamaniiru. Ergamaan kun isaan nagaa gaafate, lubbuu isaanii qulqulleessuuf ayyaana, akkasumas nagaa garaa isaanii jajjabeessuuf, kan isaanif hawwuudhaan. Kunis araara Waaqayyoo bilisaa irraa kan madduu, Abbaa amantoota hundaa isa araaramee, fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan bira ga'uudha.

1:8-15 Jaalala michoota keenyaaf agarsiisuu qabna; kunis isaaniif kadhachuudhaan qofaa osoo hin taane, garuu isaaniif Waaqayyoon galateeffachuudhaani. Kaayyoo fi fedhii keenya keessatti, 'Yoo Gooftaan fedhe' jechuu yaadachuu qabna (Yaaq. 4:15). Adeemsi keenya milkaa'aa yookiin kan hin milkaa'in kan ta'u fedha Waaqayyootiinidha. Waaqayyo kan nutti amane warra kaanitti tola kennuu qabna, warra kaan gammachiisuudhaan gammadaa, keessumaa warra nuu wajjin amantaa tokko qaban waliin tokkummaa gochuudhaan gammachuu argachuu qabna. Yoo dhiigaan furamnee fi ayyaana Gooftaa Yesuusin gara galfaman taane, guutummaatti kan isaa taana; akkasumas isaaf jennee namoota hundumaatiif liqii qabna, waan gaarii hunda gochuudhaaf. Tajaajiloonni akkasii dirqama keenya.

Roomaa 1:16,17

Lakkoofsa kana keessatti ergamaan kaayyoosaa xalayaa guutuu sanaa ibsa; achitti foon hundumaatti cubbuudhaan himata dhiyeessa; karaa tokkicha adaba jalaa bilisa itti ba'an, kan amantaadhaan gara laafina Waaqayyoo, Yesus Kristosiiin argamu irratti amanuudhaan ta'u ibsa; achii irrattis qulqullina garaa, abboomamuu galateeffannaa qabu, akkasumas fedhii jabaa ayyaanaafi amala Kiristaanummaa hunda keessatti fooyya'uuf qabu ijaara, wantoota kanneen amantiin jiraataa Kiristositti qabamu malee homtuu fiduu hin dandeenye.

Waaqayyo Waaqa qajeelaafi qulqulluu dha, nutimmoo cubbamoota yakka qabnu dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሐዋርያ ሊሆን የተጠራ የኢየሱስ ክርስቶስ ባሪያ ጳውሎስ በነቢያቱ አፍ በቅዱሳን መጻሕፍት አስቀድሞ ተስፋ ለሰጠው ለእግዚአብሔር ወንጌል ተለየ። አማርኛ ENGNIV Paul, a servant of Christ Jesus, called to be an apostle and set apart for the gospel of God– English BCV ሃዋርያ ክኸውን ካብ ዝተፀውዐን፥ ንወንጌል እግዚኣብሄር ዝተፈለየን፥ ኣገልጋሊ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾነ፥ ካብ ጳውሎስ ዝተፅሓፈት መልእኽቲ። ትግርኛ GAZBIB Ani Phaawulos hojjetaan Yesus Kristos ergamaa ta'uudhaaf waamamee, wangeela Waaqayyoos lallabuudhaaf addaan kanan baafa… Afaan Oromoo BCV GIZ እምጳውሎስ ገብሩ ለእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ ወሐዋርያ ዘተጸውዐ ወተፈልጠ ለትምህርተ ወንጌለ እግዚአብሔር። giz BCV aksum ሃዋርያ ክኸውን ካብ ዝተፀውዐን፥ ንወንጌል እግዚኣብሄር ዝተፈለየን፥ ኣገልጋሊ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾነ፥ ካብ ጳውሎስ ዝተፅሓፈት መልእኽቲ። ትግርኛ AMHNIV ጳውሎስ፣ የክርስቶስ ኢየሱስ ባሪያ፣ ሐዋርያ ሊሆን የተጠራና ለእግዚአብሔር ወንጌል የተለየ፤ አማርኛ SWAHSUV Paulo, mtumwa wa Kristo Yesu, aliyeitwa kuwa mtume, na kutengwa aihubiri Injili ya Mungu; Kiswahili