Fedhii
25 Lakkoofsota25Afaan OromooGalaatiyaa 5:16
16Ani garuu, ?Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!? nan jedha.
Qolosaayis 3:5
5Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.
Yaaqoob 4:2
2Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan.
1ffaa Qorontos 7:2
2Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu.
Fakkeenya 6:28
28Yookiis namni barbadaa giimii irra yoo ejjete, miilli isaa utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree”
1ffaa Yohaannis 2:17
17Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.
Iyoob 31:1
1“Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree”
Galaatiyaa 5:13
13Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!
1ffaa Pheexiroos 5:8
8Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
Maatewos 6:21
21Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama? jedhe.
Ibraa'oota 13:4
4Gaa'elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta'u, ciisichi gaa'elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.
1ffaa Qorontos 6:12
12Namni, ?Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, ?Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu? nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.
Faarfannaa 42:1
1Borofni akkuma bishaan yaa'u argachuu yaadu, lubbuun koos akkasuma si yaaddi, yaa Waaqayyo!
Yaaqoob 1:13
13Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.
1ffaa Qorontos 10:13
13Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gara irraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.
Isaayaas 26:8
8Yaa Waaqayyo, wanta si duratti qajeelaa ta'ee fudhatame in eegganna; maqaa kee fi wanta ati nuuf goote yaadachuu in dharraana;
2ffaa Pheexiroos 1:4
4Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.
1ffaa Yohaannis 2:16
16Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u.
Maatewos 26:41
41Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe.
Fakkeenya 21:26
26Inni ittuu caalchisee argachuuf guyyaa guutuu in kajeela, namni qajeelaan immoo harka keessa utuu hin qabatin in kennaaf.
Galaatiyaa 6:1
1Yaa obboloota ko, namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa! Garuu isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa!
Fakkeenya 23:5
5Soorumni akka wanta baallee qabuutti, akka joobiraattis qilleensa keessa balali'ee, hamma liphsuu ijaatti ija namaa duraa in sokka.
Maatewos 6:13
13Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen!]? jedhaa!
1ffaa Ximotewos 6:10
10Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa'atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay'eedhaanis of waraananiiru.
Roomaa 7:7
7Egaa immoo seerri ofuma isaatii cubbuu dha jenna moo ree? Kun matumaa hin ta'u. Haa ta'u iyyuu malee, utuu seerri hin jiraannee ani cubbuu hin beekun ture; utuu seerri ?Waan namaa hin hawwin!? hin jenne ta'ee, hawwuun maal akka ta'e hin beekun ture.