1Yeroo sanatti faarfannaan kanatti fufee jiru biyya Yihudaa keessatti in faarfatama, “Nuyi mandara jabduu qabna, Waaqayyo nu oolchuudhaaf kellaa fi masaraa itti nuuf ijaare;
2sabni qajeelaanii fi amanamaan akka ol galutti, karroota dallaa ishee banaa!
3Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda;
4Waaqayyo gooftaan kattaa yeroo hundumaa jiraatu waan ta'eef, bara baraan isa amanadhaa!
5Inni warra iddoo ol jedhaa irra jiraatan, hundumaa gad in qaba; mandaroota ol ka'oo biyyootti gad darbatee, lafatti isaan in dabala.
6Miilli warra cunqurfamanii isaan irra in ejjeta, faanni warra dhaboos isaan in dhidhiita.
7“Yaa gooftaa isa qajeelaa! Ati warra qajeelotaaf karaa in tolchita, daandiin isaan irra adeemanis akka wal qixxaatu in goota.
8Yaa Waaqayyo, wanta si duratti qajeelaa ta'ee fudhatame in eegganna; maqaa kee fi wanta ati nuuf goote yaadachuu in dharraana;
9halkan garaa guutuu sin hawwa, hafuurri koos dhimmee si barbaada, ati lafatti yommuu faraddu, warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.
10Warri jal'oonni faara tolaadhaan yoo ilaalaman, qajeelummaan maal akka ta'e hin baran; isaan biyya qajeelummaadhaan keessatti hojjetamutti iyyuu jal'ina in hojjetu, surraa Waaqayyoos hin argan.
11Yaa Waaqayyo, harki kee isaan irratti ol fuudhameera, isaan garuu hin argan; akka ati saba keetiif hinaaftu arganii haa qaana'an, ibiddi ati diinotaaf qopheessites isaan haa fixu!
12“Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf in kennita, wanta hojjenne hundumaas ati nuuf raawwatteetta;
13yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Goftooliin biraa nu irratti mo'anii turan, nuyi garuu maqaa kee duwwaa in waammanna;
14isaan amma hin jiran, du'aniiru ekeraan warra du'aniis hin ka'an; ati isaan adabde, isaan in balleessites, seenaan isaanii hundinuus raawwatee akka irraanfatamu in goote.
15Yaa Waaqayyo, ati saba sana in baay'ifte; saba sana in baay'ifte, daarii isaas karaa hundumaa in bal'ifte, kanaanis ati ulfina in argatte.
16“Yaa Waaqayyo, yeroo gidiraatti si barbaaddatu, yommuu ati isaan adabdus boo'aa si kadhatu.
17Yaa Waaqayyo! Akkuma dubartiin ulfaa yommuu da'uuf ciniinsifattu iyyitu, nuyis si duratti akkasuma in taane.
18Akkuma dubartii akka waan ulfoofnetti in ciniinsifanne, garuu homaa hin deenye; wanta biyya gargaaru waan hojjenne hin qabnu, biyya lafaa irrattis nama hin daballe.
19Warri kan keetii garuu in jiraatu, reeffi isaaniis du'aa in ka'a; isin warri awwaala keessa ciiftan, ka'aa, gammadaa faarfadhaa! Yaa gooftaa, fixeensi ati ergitu fixeensa jireenya kennuu dha, egaa laftis ekeraa warra du'anii ol in baafti.
20“Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu!
21Kanaafis kunoo, Waaqayyo iddoo isaatii as ba'ee sababii yakka isaaniitiif warra lafa irra jiraatan in adaba; laftis dhiiga ishee irratti dhangala'e in mul'ifti, si'achis warra ajjeefaman dhoksuu hin dandeessu” kan jedhuu dha.