Addunyaa

28 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Roomaa 12:2

2Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.

1ffaa Yohaannis 2:15

15Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.

Tiitoos 2:11-12

11Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera.

12Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa.

Yohaannis 16:33

33Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera? jedhe.

Maarqos 8:36

36Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?

1ffaa Ximotewos 6:7-8

7Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba'uu hin dandeenyu.

8Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga'a.

1ffaa Yohaannis 2:17

17Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.

Maarqos 16:15

15Inni, ?Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!

Yaaqoob 4:4

4Isin namoota gara gaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.

1ffaa Yohaannis 5:4

4Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya.

2ffaa Qorontos 10:3

3Nama foonii yoo taane iyyuu, akka yaada fooniitti nama lolla miti.

1ffaa Yohaannis 3:1

1Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.

Yohaannis 14:27

27Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!

1ffaa Yohaannis 2:16

16Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u.

1ffaa Qorontos 1:28-29

28Waaqayyo wanta jira jedhamu lafatti dabaluudhaaf, wanta jira hin jedhamne, wanta biyya lafaatti gad deebi'aatti lakkaa'amuuf wanta tuffatamaa fo'ate.

29Kanaafis namni tokko illee fuula Waaqayyoo duratti of hin jajin.

Yohaannis 3:16

16?Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!

1ffaa Qorontos 3:18

18Homtinuu of hin sossobin! Namni isin keessaa akka yaada biyya lafa kanaatti ogeessa of se'u yoo jiraate, dhuguma ogeessa ta'uudhaaf, isa biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u ta'uutu isa irra jira.

Yohaannis 8:12

12Yesus ammas namootatti dubbatee, ?Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu? isaaniin jedhe.

Maatewos 16:26

26Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?

Roomaa 1:20

20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.

Faarfannaa 31:19

19Wanti gaariin inni ati warra si sodaataniif keesse, gaarummaan inni ati ilmaan namootaa duratti warra kooluu sitti galanitti argisiifte, attam baay'ee dha!

1ffaa Yohaannis 2:2

2Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.

1ffaa Yohaannis 5:5

5Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.

Yaaqoob 1:27

27Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa'ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du'es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa'ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.

2ffaa Pheexiroos 1:4

4Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.