Ogummaa
38 Lakkoofsota20Afaan Oromoo1ffaa Mootota 8:36
36yommus ati waaqa irraa isaaniif dhaga'i, cubbuu garboota kee saba Israa'el kanaas dhiisiif! Karaa qajeelaa irra akka isaan deddeebi'an isaan barsiisi, biyya isa saba keetiif dhuunfaa gootee kennite irratti bokkaa roobsi!
1ffaa Seenaa Baraa 22:12
12Waaqayyo gooftaan kee saba Israa'el irratti yommuu si moosisu, akka seera isaatti akka ati isaan bulchituuf innumti ogummaa fi hubannaa siif haa kennu!
Iyoob 4:3
3Kunoo, ati namoota baay'ee barsiifteetta, dadhaboota harka qabdee jabeessiteetta;
Iyoob 5:27
27“Kunoo, nuyi kana hundumaa qorreerra, innis dhugaa dha, egaa dhaga'ii fudhadhus!” jedhe.
Iyoob 12:2-3
Faarfannaa 2:10
10Kanaaf isin mootota nana qalbii godhadhaa! Isin warri biyya lafaa seerratanis gorfamaa!
Faarfannaa 5:8
8Yaa Waaqayyo, sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati qajeelummaa keetiin na geggeessi! Karaa kees fuula koo duratti anaaf qajeelchi!
Faarfannaa 16:7
7Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa;
Faarfannaa 19:1-2
Faarfannaa 25:4
4Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi!
Faarfannaa 25:8-9
Faarfannaa 71:17
17Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; ani immoo amma iyyuu gocha kee isa dinqisiisaa nan labsa;
Faarfannaa 94:12
12Yaa Waaqayyo, namni ati gorsitee deebiftu, inni ati seera kee barsiiftus gammachuu qaba!
Faarfannaa 107:43
43Egaa ogeessi eenyu ree” Inni kana haa eegu, gaarummaa Waaqayyoos yaadaan haa qabu!
Faarfannaa 119:68
68Ati gaarii dha, wanta gaariis in hojjetta, seerrata kee na barsiisi!
Fakkeenya 1:5
5Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala in argata.
Fakkeenya 1:7
7Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.
Fakkeenya 1:20-33
20Ogummaan bakkee keessaa guddiftee in iyyiti, walga'ii karaa keessaas sagalee ishee in dhageessifti;
21mataa lafa namoonni itti wal ga'anii irraa, sagalee ishee ol fudhattee in iyyiti; karra kellaa mandaraatiis in dubbatti.
22Isheen,“Isin wallaalota nana, hamma yoomiitti wallaalummaa jaallattu” Isin ga'iftoota nana, hamma yoomiitti ga'isuutti gammaddu” Isin warri gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu”
23Gorsa koo dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani hafuura koo isiniif nan dhangalaasa, dubbii koos akka beektan nan godha;
24ani isin waamnaan erga diddanii, harka koo bal'ifnaanis gara koo kan dhufu erga dhibee,
25isin gorsa koo hundumaa tuffattanii, iffata koos erga hin barbaannee,
26ani immoo badiisa keessanitti nan kolfa, naasuun yommuu isin qabatus isinittan ga'isa.
27Naasuun akka bubbeetti yommuu isinitti dhufu, badiifni akka qilleensa jabaatti yommuu isinitti bubbisu, rakkinnii fi muddamni yommuu isin irra gara galu,
28isin na waammattu, ani garuu deebii isiniif hin kennu; dhimmitaniis na barbaaddu, ana hin argattan.
29Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne;
30isin gorsa koo hin barbaanne, iffata koo hundumaas in tuffattan;
31kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu.
32Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas “Giddii hin qabu” jechuutu balleessa.
33Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus” in jetti.