Obsa dhabuu

9 Lakkoofsota9Afaan Oromoo

Fakkeenya 14:17

17Namni dafee aaru waan hojjetu hin beeku, namni hubataan garuu in obsa;

Fakkeenya 14:29

29namni dheekkamsatti suuta-jedhu, hubannaa guddaa qaba; namni dheekkamsatti ariifatu garuu, gowwuma bakkeetti in baasa.

Fakkeenya 15:18

18Namni dheekkamaan lola kaasa, namni dheekkamsatti suuta jedhu garuu qoccolloo in qabbaneessa.

Fakkeenya 19:11

11Hubataa ta'uun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti.

Fakkeenya 25:8

8Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaa'iitti hin fidin! Namni dubbii isaa caalchisee keessa beeku yoo si sobsiise dhuma irratti maal goota ree”

Fakkeenya 25:28

28Namni of qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan isaa jijjiganii ti.

Lallaba 5:2

2Afaan keetiin hin ariifatin, Waaqayyo duratti waa dubbachuudhaafis yaadaan hin jarjarin! Waaqayyo waaqa irra jira, ati garuu lafa irra jirta, kanaaf dubbiin kee muraasa haa ta'u!

Maatewos 5:22

22Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ?Doofaa? yoo jedhe yaa'ii biyya seerratu duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ?Raatuu? yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama.

Yaaqoob 1:19

19Obboloota koo jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa!