Of to’achuu
23 Lakkoofsota19Afaan OromooFakkeenya 25:28
28Namni of qabuu hin dandeenye, akka mandara dallaawwan isaa jijjiganii ti.
2ffaa Ximotewos 1:7
7Waaqayyo hafuura humnaa kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.
Fakkeenya 16:32
32nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra, nama of abboomu wayya.
Fakkeenya 18:21
21Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.
Galaatiyaa 5:22-23
2ffaa Pheexiroos 1:5-7
5Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa!
6Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa!
7Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa!
1ffaa Tasalonqee 5:6
6Egaa kottaa in dammaqna, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifna!
Yaaqoob 1:19
19Obboloota koo jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa!
1ffaa Qorontos 10:13
13Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gara irraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.
Tiitoos 2:11-12
Roomaa 12:2
2Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.
1ffaa Qorontos 9:27
27Ani warra kaan dorgomeetti waamee, ofii kootii akkan keessaa hin hambifamneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.
1ffaa Qorontos 9:25
25Namni dorgeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana.
Fakkeenya 12:16
16aariin nama gowwaa dafee irraa in beekama, namni hubataan garuu salphina in dhoksa.
Efesoona 6:12
12Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna.
2ffaa Yohaannis 1:8
8Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada.
Iyoob 31:1
1“Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree”
Fakkeenya 4:27
27gara mirgaatti yookiis bitaatti hin gorin, miilla kee wanta hamaattii deebisi!
Fakkeenya 29:11
11Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata.