Ofittummaa

14 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

1ffaa Qorontos 13:4-5

4Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus;

5jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallannu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.

Filiphisiyus 2:3

3Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa'aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa!

1ffaa Qorontos 10:24

24Namni waan isatti tolu utuu hin ta'in, waan nama kan biraatti tolu haa barbaadu!

Yaaqoob 3:16

16Lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira.

Roomaa 15:2

2Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka ta'uuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu!

Fakkeenya 11:25

25namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama.

Fakkeenya 18:2

2Namni gowwaan yaada garaa isaa mul'isuu barbaada malee, hubannaatti hin gammadu.

Maarqos 12:31

31Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe.

1ffaa Qorontos 3:18

18Homtinuu of hin sossobin! Namni isin keessaa akka yaada biyya lafa kanaatti ogeessa of se'u yoo jiraate, dhuguma ogeessa ta'uudhaaf, isa biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u ta'uutu isa irra jira.

Hojii Ergamootaa 20:24

24Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabutti hin lakkaa'u.

Faarfannaa 119:36

36Bu'aa dalgaa fi sassatuu irraa, garaa koo gara wanta abboommiin kee dhugaa ba'uufitti qabi!

Maarqos 8:34

34Inni tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, ?Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!

Galaatiyaa 2:20

20Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.