Obboloonni Yoseef Deebi'uu

21 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 42:18-38

18Guyyaa sadaffaattis Yoseef isaaniin,“Ani Waaqayyoon nan sodaadha, jireenya keessan oolfachuudhaaf wanta ani isinitti himu godhaa!

19Erga namoota amanamoo taatanii, obboleessi keessan tokko mana isin amma itti eegamtan kanatti haa hidhamu, isin immoo maatii keessan warra manaa beela'aa jiraniif midhaan fuudhaa dhaqaa!

20Obbooleessa keessan isa quxisuu na bira fidaa! Kanaan wanti isin dubbattan kun dhugaa ta'uun isaa in beekama, isinis du'a in ooltu” jedhe; isaanis akkuma inni isaanitti hime in godhan.

21Walii isaaniitiin immoo,“Nuyi dhuguma obboleessa keenyatti balleessineerra; lubbuun isaa isa keessatti dhiphachuu isaa utuma arginuu, utuma inni nu kadhatuus isa dhaga'uu dinne; kanaaf dhiphinni kun nutti dhufe” jedhan.

22Ruuben kana irratti isaaniin,“Ani,“Mucicha hin yakkinaa!” isiniin hin jennee” Isin garuu dhaga'uu in diddan; ammas kunoo, dhiigni isaa nu irraa in barbaadama” jedhe.

23Namni isaan gidduu dhaabatee afaan hiiku waan tureef, Yoseef akka isaan dhaga'u isaan hin barre.

24Yommus Yoseef isaan irraa achi gara galee in boo'e; deebi'ees isaanitti gara galee isaanitti in dubbate; isaan keessaa Shimi'oonin qabsiisee ija isaanii duratti in hiisise.

25Yoseef kana booddee qalqala isaanii midhaan guutanii, horii isaaniis deebisanii adduma addaan qalqala isaanii keessa akka kaa'aniif, karaadhaafis galaa akka kennaniif in abboome; warri abboomamanis kana isaaniif in godhan.

26Obbolaan Yoseef midhaan isaanii harree isaaniitti fe'atanii achii in adeeman.

27Lafa bulanitti isaan keessaa inni tokko harree isaatiif nyaata kennuudhaaf qalqala isaa hiikee, kunoo, horii ittiin midhaan bite afaan qalqala isaa keessatti in arge.

28Inni obboloota isaatiin,“Horiin koo anaaf deebi'eera; ilaa, inni qalqala keessa jira” jedhe; kana irratti garaan isaanii baqaqe, hollachaas walii isaaniitiin,“Wanti Waaqayyo nutti fide kun maali?” jedhan.

29Yommus isaan biyya Kana'aan Yaaqoob abbaa isaanii bira dhufanii, wanta isaan irra ga'e hundumaa isatti in himan.

30Isaan,“Namichi inni biyya sana irratti gooftummaa qabu, warra biyya gaadan nu se'ee, afaan jabaa nutti dubbate.

31Nuyi garuu,“Nuyi namoota amanamoo dha malee gaadduu miti,

32nuyi obbolaan kudha lama ilmaan abbaa tokkoo ti; kudha lama keessaa inni tokko hin jiru, inni quxisuun immoo amma abbaa keenya bira biyya Kana'aan jira” ittiin jenne.

33Namichi inni biyya sana irratti gooftummaa qabu sun immoo,“Amanamoo ta'uu keessan akkan ittiin beekutti, obboleessa keessan tokko ana biratti hambisaatii, isin maatii keessan warra manaa beela'aa jiraniif midhaan fuudhaa dhaqaa!

34Obbooleessa keessan isa quxisuu ana bira fidaa! Ani kana irratti isin namoota amanamoo malee, gaadduu akka hin ta'in, nan beeka; obboleessa keessan isa asitti hafes gad isiniif nan dhiisa, isinis biyyicha keessa asii fi achi adeemtanii in nagaddu” nuun jedhe” jedhan.

35Isaan qalqala isaanii keessaa yommuu gara galchan immoo kunoo, horiin isaanii adduma addaan akka gudunfametti qalqala tokko tokko isaa keessatti argame; isaan, abbaan isaaniis horii isaanii akka gudunfametti yommuu argan in na'an.

36Kana irratti Yaaqoob abbaan isaanii,“Ijoollee malee na hambiftan, Yoseef hin jiru, Shimi'oon hin jiru, Benyaamiinin immoo fudhachuuf jettu; kun hundinuu anuma irratti in raawwatame” isaaniin jedhe.

37Ruuben yommus abbaa isaatiin,“Ani mucicha deebisee gara keetti yoon fiduu dhabaadhe, ati ilmaan koo lamaan ajjeesuu in dandeessa; harka isaa qabii anatti kenni, anis harka keetti isa nan deebisa” jedhe.

38Yaaqoob garuu,“Ilmi koo isinii wajjin gad hin bu'u, obboleessi isaa du'eera, tokkicha kana duwwaatu hafe; karaa isin irra adeemtan iratti wanti hamaan yoo isa irra ga'e, dulluma koo keessa gaddaan gara iddoo lafa jalaatti akkan gad bu'u in gootu” jedhe.