Ollaa

9 Lakkoofsota7Afaan Oromoo

Faarfannaa 101:5

5Dhoksaatti nama kan hamatu, lammaffaa akka hin dubbanne nan godha; nama waan guddaatti of ilaaluuf, nama of bokoksuufis ani obsuu hin danda'u.

Fakkeenya 3:28-29

28Utuu of harkaa qabduu, “Bor siif nan kennaatii deebi'ii kottu!” namaan hin jedhin!

29Nama si amanatee si bira taa'utti wanta hamaa hin yaadin!

Fakkeenya 11:12

12Namni nama tuffatu qalbii hin qabu, namni hubataan garuu calluma jedha;

Fakkeenya 27:10

10Michuu kee fi michuu abbaa keetii hin dhiisin! Yeroo rakkina keetiitti mana obboleessa keetii hin dhaqin! Obboleessa fagoo jiru irra, ollaa dhi'oo jiru wayya.

Lallaba 4:4

4Wanti namni itti dadhabee harka-tolinaan hojjetu hundinuu nama keessatti hinaaffaa akka kaasu nan arge; kunis immoo wanta waa'ee hin baafnee dha, akka nama qilleensa ari'uu tis;

Luqaas 10:27-28

27Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.

28Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.

Roomaa 13:9

9Abboommonni, ?Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin? jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, ?Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!? jedhuun in xumuramu.