Of tuuluu

13 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

1ffaa Saamu'eel 2:3

3Of tuulummaa keessan hin baay'isinaa! Of jajuunis afaan keessan keessaa hin ba'in! Waaqayyo gooftichi beekaa dha! Hojii namoota hundumaas miijana irra kaa'ee in ilaala.

Iyoob 26:12

12inni irree isaatiin galaana gab godhe, hubannaa isaatiinis Rahaab jawwee galaanaa sana in rukute;

Faarfannaa 40:4

4Namni Waaqayyoon amanannaa isaa godhatu, warra of bokoksanitti, warra amantii isaanii gananii, soba duukaa bu'anittis inni hin gorin haa gammadu!

Fakkeenya 8:13

13Waaqayyoon sodaachuun wanta hamaa jibbuu dha, ani of bokoksuu fi of gurguddisuu, karaa hamaadhaaf arraba dubbii micciiru nan jibba.

Fakkeenya 15:25

25Waaqayyo mana warra of gurguddisanii in jigsa, daarii haadha hiyyeessaa garuu in eega.

Fakkeenya 16:5

5Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa in ciigga'a, isaan utuma harka wal qabatanii iyyuu utuu hin adabamin hin hafan.

Fakkeenya 16:18

18Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa;

Fakkeenya 18:12

12badiisi utuu hin dhufin namni garaa isaatti of gurguddisa, ulfina dura garuu gad of deebisuutu dhufa.

Fakkeenya 21:3-4

3Wanta qajeelaa fi wanta dhugaa hojjechuun, aarsaa caalaatti Waaqayyo biratti fudhatamaa dha.

4Waan guddaatti of ilaaluun, of bokoksuun, wanti jal'oonni hojjetan hundinuus cubbuu dha.

Fakkeenya 29:23

23Of gurguddisuun, gad deebii namatti fida, kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata.

Isaayaas 5:21

21Warra yaada ofii isaaniitti ogeessota of se'aniif, warra afchaalota of se'aniif wayyoo!

Maatewos 23:12

12Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama? jedhe.