Of jajuu

11 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Faarfannaa 10:3

3Namni jal'aan kajeellaa garaa isaatiin of in jaja, inni bu'aa argachuuf in saama iyyuu dha; in abaara, Waaqayyoonis in tuffata.

Faarfannaa 49:6-9

6Isaan kun qabeenya isaanii in amanatu, sooruma isaanii isa tuullataniinis of in jaju.

7Dhuguma iyyuu namni nama furu, yookiis gatii furee sanaa Waaqayyoof baasuu danda'u hin jiru;

8gatiin furee lubbuu isaanii sonaan guddaa dha, bara baraanis utuu hin baafamin in hafa.

9Kanaafis namni bara baraan nama jiraachisuu, awwaalamuus isa oolchuu hin danda'u.

Fakkeenya 27:1

1Wanta guyyaan fidu hin beektu, kanaafis wanta bor ta'uun of hin jajin!

Roomaa 2:23

23Seera Waaqayyoo qabaachuu keetiin of in jajja, seericha cabsuu keetiin immoo maqaa Waaqayyoo in salphifta mitii?

Efesoona 2:8-10

8Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;

9hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti.

10Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.

Yaaqoob 3:5

5Arrabnis akkasuma bu'aa dhagnaa xinnoo tokkoo dha; waan gurguddaa baay'eedhaan of in jaja. Ibiddi hammam xinnaatu illee caakkaa hammam guddatu iyyuu in guba.