Gara Kana’aanitti ce’uu
9 LakkoofsotaAfaan OromooSeensa 12:1-9
1Waaqayyo gaaf tokko Abraamiin,“Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba'iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!
2“Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata?.
3Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhe.
4Kana irratti Abraam akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti ka'ee in adeeme; Looxis isaa wajjin dhaqe; Abraam biyya Kaaraanii yommuu ba'e nama waggaa torbaatamii shanii ture.
5Abraam Saaraayin haadha manaa isaa, Looxin ilma obboleessa isaa, qabeenya Looxii wajjin qabanii fi hojjetoota biyya Kaaraanitti kan isaanii godhatan hundumaa fudhatee ba'e; isaanis biyya Kana'aan dhaquudhaaf ka'anii, achi in ga'an.
6Warri Kana'aan yommus biyya sana keessa turan; Abraam immoo biyya sana keessa darbee hamma iddoo “Sheekem” jedhamutti, achi keessaas hamma qilxuu Mooreetti in adeeme.
7Waaqayyo yommus Abraamitti mul'atee,“Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedhe; Abraamis iddoo Waaqayyo isatti mul'ate sanatti iddoo aarsaa Waaqayyoof in ijaare.
8Achii immoo ka'ee gara biyya tulluun itti baay'atu isa Bet'el irraa gara ba'a-biiftuutti argamu dhaqe; godoo isaas Bet'elin gara lixa-biiftuutti, Aayin gara ba'a-biiftuutti hambisee gidduu dhaabbate; achittis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessu ijaaree, maqaa Waaqayyoo waammate.
9Achiis immoo buqqifatee irraa jalaan gara biyya gara mirgaatti in qajeele.