Gammoojjii Lafee Goggogaa

14 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Hezeqeel 37:1-14

1Harki Waaqayyoo ana irra ture, innis hafuura Waaqayyootiin na fuudhee dachaa lafeen keessa guute tokko keessa na dhaabe.

2Kunoo, dachicha keessa lafee baay'ee danuutu ture, isaanis baay'ee goganii turan; inni isaan gidduu asii fi achi na adeemsisee,

3“Yaa mucaa namaa! Lafeen kun jireenya qabaachuu in danda'aa ree?” naan jedhe; ani immoo,“Yaa Waaqayyo gooftaa kana si duwwaatu beeka” nan jedhe.

4Ammas,“Lafee kanatti raajii dubbadhuu,“Yaa lafee gogaa nana dubbii Waaqayyoo dhaga'i!” jedhi” naan jedhe.

5Waaqayyo gooftaan,“Lafee kanaan,“Kunoo, ani hafuura sittan galcha atis in jiraatta;

6ani ribuu si keessa nan kaa'a, foon sittan godha, gogaa sittan uffisa, hafuuras si keessa nan kaa'a, atis in jiraatta; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e ati in beekta” jedhi!” jedhe.

7Ani akkuma inni na abboome raajii nan dubbadhe; utuma ani raajii dubbachaa jiruu sagaleen in dhaga'ame. Kunoo, wanti tokko in sossokokse, lafeen sunis walitti hiiqee, lafeen lafee ofii isaatiitti in dhi'aate;

8yommuu ani isaan ilaale, kunoo, ribuun isaan keessa kaa'amee, foon isaanitti godhamee, gogaanis isaanitti uffifameera; garuu hafuurri isaan keessa hin turre;

9ammas anatti dubbatee,“Yaa mucaa namaa! Hafuuratti raajii dubbadhu! Waaqayyo gooftaan,“Yaa hafuuraa, golee arfanuu keessaa kottuu akka jiraataniif warra dhuman kanatti qilleensa'i!” jedha” jedhi!

10Anis akkuma inni na abboome raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti in gale, isaanis jiraatoo ta'anii miilla isaaniitiin in dhaabatan; isaan macca baay'ee guddaa turan.

11Ergasiis anatti dubbatee,“Yaa mucaa namaa! Lafeen kun guutummaa mana Israa'el. Kunoo, isaan,“Lafeen keenya gogeera, abdiin keenya citeera, nuyis raawwannee badneerra” in jedhu;

12kanaaf ati isaanitti raajii dubbadhu, Waaqayyo gooftaan,“Yaa saba koo! Kunoo, ani awwaala keessan nan bana, isa keessaas isin nan baasa; biyya Israa'elittis deebisee isin nan galcha;

13Isin yaa saba koo! Ani awwaala keessan banee isa keessaa yommuun isin baasu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu;

14ani hafuura koo isin keessa nan kaa'a, isinis in jiraattu; biyya keessanittis isin nan galcha” yommus ani Waaqayyo kana akkan dubbadhe, akkan godhes isin in beektu” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.