Hojii Ergamootaa 3

GAZGAZAfaan Oromoo26 Keeyyattoota4:23 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:23 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhata waaree booddee, innis sa'aatii salgaffaatti, gara mana qulqullummaatti ol in adeemu turan.

2Kunoos namni dhaloota isaatii jalqabee naafate tokko, achi ture; innis guyyuma guyyaatti baatamee dhufee, ?Balbala miidhagaa? isa jedhamu sana dura taa'ee, warra mana qulqullummaa dhaqan irraa horii in kadhata ture.

3Namichi, Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaatti ol lixuuf akka dhufan argee, horii isaan kadhate.

4Phexrosii fi Yohannis ijaan isa qaban; Phexros immoo, ?Nu ilaali!? jedheen.

5Yommus inni waa isaan biraa kan argatu se'ee, ija keessa ilaale.

6Phexros garuu, ?Ani meetii fi warqee hin qabu, waanan qabu garuu siifan kenna; maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin ka'ii, adeemi!? jedheen.

7Harka isaa mirgaa qabee isa kaases, achumaanis miilli isaaf gulubiin isaa jabaatan.

8Utaalees ka'ee ijaajjee, adeemees, isaanii wajjin mana qulqullummaa lixee, asii fi achi adeemee, quruphisaa Waaqayyoon galateeffate.

9Namoonni hundinuu utuu inni asii fi achi adeemuu, Waaqayyoonis utuu galateeffatuu argan;

10mana qulqullummaa, ?Balbala miidhagaa? dura taa'ee, horii kadhataa inni ture isa akka ta'es baranii, waan isaaf godhame kanaafis fajajanii baay'ee raajeffatan.

11Yeroo namichi Phexrosii fi Yohannis biraa hafuu dide sanatti, namoonni hundinuu dinqifachaa gara isaaniitti, gara jalgala mana qulqullummaa isa ?Gardaafoo Solomoon? jedhamuutti fiigan.

12Phexros yommuu kana arge jaraan, ?Yaa namoota Israa'el, maaliif kanatti dinqifattu? Akka waan nuyi humna keenyaan yookiis qulqullummaa ofii keenyaan isa adeemsifneettis, maaliif fajajjanii nu ilaaltu?

13Isin, Yesusin Philaaxositti dabarsitanii laattan; yeroo inni isa gad dhiisuuf murtoo godhettis, fuula yaa'ii isaa dura dhaabattanii isa gantan; Waaqayyo inni kan Abrahaam kan Yisihaq kan Yaaqoobis, Waaqayyo abaabilii keenyaa, garuu hojjetaa isaa kana ol ol qabeera.

14?Yesus qulqulluu fi qajeelaa ture; isin garuu isa gantanii, nama gumaa akka isiniif hiikuuf Philaaxosin kadhattan.

15Isa namoota gara jireenyaatti geessus ajjeeftan, Waaqayyo immoo du'aa isa kaase, kanaafis nuyi dhuga-baatuu dha.

16Humna maqaa Yesustu, maqaa isaattis amanuutu, namicha naafa isin argitanii fi beektan kanaaf jabina kenne; amantiin Yesusiin kenname immoo, fuula hunduma keessanii duratti fayyaa guutuu kenneef.

17?Ammas yaa obboloota nana, isin, warri isin geggeessanis, waan gootan hundumaa utuu hin hubatin akka gootan, anuu beeka.

18Waaqayyo garuu bara baay'ee dura, Masiihiin isaa akka dhiphatu, afaan raajota hundumaan dubbatee kan ture, akka kanatti akka raawwatamu godhe.

19Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa.

20Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi'aa!

21Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti garuu, Yesus waaqa irra turuutu isaaf ta'a.

22Museen iyyuu, ?Anaan akkuma kaase, Waaqayyo gooftaan keessan obboloota keessan keessaa raajii tokko isiniif in kaasa, waan inni isinitti himu hundumaa dhaggeeffachuun isin irra jira;

23namni raajii sana hin dhaggeeffanne hundinuu garuu, saba sana keessaa in balleeffama? jedhee ture.

24Raajonni Saamu'elii jalqabanii ka'anii fi dubbatan hundinuu, waa'ee bara kanaa labsaniiru.

25Raajonni kan dubbatan isiniif; kakuu Waaqayyo abaabilii keessaniif dhaabe keessaas in hirmaattu; Abrahaamiin, ?Ijoollee ijoollee keetiin sabni biyya lafaa irraa hundinuu in eebbifamu? jedhee ture.

26Kanaafis Waaqayyo karaa keessan isa hamaatii hunduma keessan deebisuudhaan isin eebbisuudhaaf, hojjetaa isaa kaasee, duraan dursas isinitti erge? jedhe.

Ibsa

3:1-11

Ergamoonnii fi amantoonni jalqabaa sa'aatii kadhannaa irratti sagada mana qulqullummaa irratti argamuu turan. Phexroosii fi Yohaannis nama umuriin isaa waggaa afurtamaa ol ta'e, kan dhalootaa isaa irraa kaasee naafa ture irratti dinqii hojjechuuf qajeelfama Waaqayyoo irraa geggeeffamanii turan fakkaata. Phexroos maqaa Yesuus Naazireetii tiin, akka inni ka'ee deemu isa ajaje. Akkasumas, yoo fayyina lubbuu namootaa kaayyoo gaariin hojjechuuf barbaanne, maqaa fi humna Yesuus Kiristoosiin deemuu qabna, cubbamoota gargaarsa dhaban akka isaan ka'anii isa amanuudhaan daandii qulqullinaa irra deeman waamaa. Dandeettiiwwan uumama keenya isa cubbuudhaan kufee kan naafa ta'an hundumaa ilaalchisee, maqaan Yesuus Kiristoos Naazireetii nu guutuu taasisuu danda'a! Yaanni kun lubbuu keenyaaf hammam mi'aawaa dha! Yeroo Waaqayyo Hafuura Qulqulluun humna Isaatiin nu achi seenchisu, gammachuu qulqulluu fi hammaarree guddaadhaan qe'ee isaa qulqulluu sana akkamiin irra deemna!

3:12-18 Dinqiiwwan hojjechuu keessatti garaagarummaa jiru hubadhaa. Gooftaan keenya yeroo hundumaa akka humna hundumaa danda'u qabuutti dubbata ture; dinqiiwwan Waaqummaa isaa irraa kan ka'e kabaja guddaa isaaf kenname fudhachuuf gonkumaa hin harkifanne. Garuu ergamoonni hundumaa Gooftaa isaaniitti deebisan, akkasumas meeshaa isaa hin malle ta'anii malee kabaja fudhachuu didan. Kun kan agarsiisu, Yesus Abbaa wajjin tokko ta'uu isaa fi Isa wajjin wal qixa ta'uu isaa yoo ta'u, ergamoonni garuu namoota dadhaboo cubbamoo ta'uu isaanii fi hundumaaf Yesus irratti kan hirkatan ta'uu isaanii, akkasumas humna Isaa fayyina hojjetetti, ni beeku turan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6