Gidiraa

13 Lakkoofsota8Afaan Oromoo

Yohaannis 6:51

51Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti? isaaniin jedhe.

Yohaannis 10:11

11Yesus, ?Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.

Yohaannis 11:50-52

50Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, namni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan? isaaniin jedhe.

51Inni dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne; waggaa sanatti angafa lubootaa waan tureef, Yesus saba sanaaf du'uuf akka jiru, raajii dubbate malee.

52Saba sana duwwaadhaaf utuu hin ta'in, ijoollee Waaqayyoo warra biyya adda addaatti bittimmaa'an tokkummaatti walitti qabuudhaaf du'uuf ture.

Hojii Ergamootaa 9:16

16Maqaa koo mul'isuudhaaf jedhees hammam dhiphachuuf akka inni jiru, ani ofii kootii isa nan argisiisa? jedhe.

Roomaa 4:25

25Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du'aa kaafame.

Roomaa 5:6-8

6Nuyi amma illee of-dadhaboo taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu ga'etti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf du'e.

7Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof du'uuf fedha qaba ta'a malee, nama qajeelaadhaaf waan du'uuf hin fakkaatu.

8Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.

1ffaa Qorontos 1:23-24

23Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha.

24Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Griikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis.

1ffaa Qorontos 4:12

12Harka keenyaan hojjechuudhaan itti dadhabna; yeroo nu abaaran in eebbifna, yeroo nu ari'atanis obsaan in dandeenya;