Araarsummaa
15 Lakkoofsota13Afaan OromooSeensa 39:21
21Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise; namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef.
Ba'uu 20:6
6Dhaloota warra na jaallatanii abboommii koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa koo nan argisiisa.
Ba'uu 34:6-7
6Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee,“Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha.
7Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu; yakka abbootaa immoo hamma dhaloota sadiitti, hamma afuriittis harka ijoollee fi ijoollee ijoollee isaanii keessaa barbaadee nan adaba” jedhe.
Faarfannaa 9:13
13Yaa Waaqayyo anaaf oo'i! Gadadamuu koo isa warra na jibban biraa anatti dhufe ilaali! Afaan boollaa irra yoon ga'e iyyuu, ati ol na deebisi!
Faarfannaa 33:18
18Kunoo! Iji Waaqayyoo warra isa safeeffatan, warra gaarummaa isaa abdiidhaan eeggatanis in to'ata.
Faarfannaa 86:13
13Gaarummaan ati ana argisiifte guddaa dha, ati lubbuu koo boolla lafa jalaa isa gad fagoo keessaa baafteetta.
Fakkeenya 14:31
31Namni hiyyeessa cunqursu uumaa isaa in arrabsa, namni dhabaadhaaf garaa laafu garuu uumaa isaatiif ulfina in kenna;
Fakkeenya 21:21
21namni qajeelummaa fi gaarummaa duukaa bu'u, jireenyaa fi qajeelummaa, ulfinas in argata;
Fakkeenya 28:13
13Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.
Hoose'aa 10:12
12Qajeelummaadhaan facaafadhaa, ija gaarummaan kennus galfadhaa! Maasii haaraa baafadhaa! Yeroon kun yeroo isin gara Waaqayyootti gortanii, hamma inni dhufee qajeelummaa isiniif dhangalaasutti eeggattanii dha.
Maatewos 18:21-22
Maatewos 23:23
23?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Baala kefoo, inchilaala, ija dimbilaalaas kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu; garuu seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.
Maarqos 9:41
41Ani dhuguman isinitti hima, isin kan Kristos waan taataniif namni bishaan dhugaatii willee tokko isinii kenne gatii isaa hin dhabu? jedhe.