Hoose'aa 10

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota4:49 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:49 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Warri Israa'elis akka muka waynii of jaallatee ija baay'ee naqatuu ti; hammuma iji hojii isaanii baay'ate iddoo aarsaas in baay'isan; akkuma biyya isaaniitti fooyya'e, utuboota dhagaa warra qulqullaa'ootti ilaalaman in fofooyyeessan.

2Garaan isaanii walaallammii dha, amma isa yakkaniif adaba fudhachuun isaaniif in ta'a; Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii in caccabsa, utuboota dhagaa isaan dhaabbatanis in balleessa.

3Amma isaan,“Nuyi sababii Waaqayyoon hin sodaanneef mootii dhabne; silaas immoo mootichi maal nuuf gochuu danda'a ree?” in jedhu.

4Isaan afaanumaaf dubbatu, sobanii in kakatu, kakaadhaanis walii galu; firdiin isaan kennanis akkuma aramaa hadhaa of keessaa qabu isa bo'oo qotiisaa irratti biqiluu ti.

5Warri mandara Samaariyaa jiraatan dibicha Bet-Aweeniif in sodaatu, namoonni ishees isaaf in boo'u; ulfinni Waaqayyo tolfamaa sanaa waan duraa fudhatameef, luboonni isaa isaaf in wawwaatu.

6Dibichichi mooticha guddaa sanaaf galchii ta'ee biyya Asoritti in geeffama; yeelloon Efreem irra in ga'a, Israa'elis mareen inni dur mari'ate waan kufeef in yeella'a.

7Samaariyaan in balleeffama, mootiin ishees akka feleencoo bishaan gubbaa bu'ee in ta'a.

8Iddoowwan ol jedhoon warri Bet-Aween irratti sagadan, Israa'elitti cubbuu waan ta'aniif in diigamu; iddoo aarsaa isaanii irrattis arangamaa fi baalaan-waraanteen in biqilu; yommus namoonni tullootaan,“Nu awwaalaa!” gaarotaanis,“Nu irratti jigaa!” in jedhu.

9Waaqayyo,“Yaa namoota Israa'el, erga bara mandara Giibe'aatti cubbuu hojjettanii amma iyyuu cubbuutti qabamtanii jirtu; egaa lolli warra jal'aa hojjetanitti dhufu, isinis immoo Giibe'aatti hin argatuu ree”

10Ani fedha kootiin isin nan adaba; isa gar-lamaan yakkitaniif yeroo adabamtanitti sabni lafa irraa isin irratti akka sassaabaman nan godha.

11“Efreem akka dibicha lejjifamuu danda'uutti, midhaan siribsiisuu in jaallata; ani immoo gara saggoo isaa isa miidhagaatti darbee, Efreemin nan camada; Yihudaan akka qotiyyootti haa qotu, Yaaqoobis akka qotiyyootti bo'oo haa baasu.

12Qajeelummaadhaan facaafadhaa, ija gaarummaan kennus galfadhaa! Maasii haaraa baafadhaa! Yeroon kun yeroo isin gara Waaqayyootti gortanii, hamma inni dhufee qajeelummaa isiniif dhangalaasutti eeggattanii dha.

13“Isin garuu yeroo qottan jal'ina dhaabdanii, wanta jal'aa in galfattan; ija sobaas in nyaattan. Ati konkolaataa kee isa duulaaf qopheeffatte baay'ina jagnoota keetiis amanatteetta;

14Kanaafis lolli saba kee irratti in ka'a; akkuma yommuu Shalmaan mootichi guyyaa lolaa sanatti mandara Bet-Arbel balleessee haati ijoollee ishee irratti caccabsamte akkasuma marsaan kee hundinuu in balleeffama.

15Guddinni jal'ina keessanii inni Bet'elitti hojjetamu wanta akkasii isin irratti in fida, mootiin Israa'elis ganama bariidhaan in barbadeeffama.

Ibsa

10:1-8

Wayiniin iimeesaa qofaan gatii qaba; garuu Israa'el amma iimeesaa guutummaatti hin fidne. Onneen isaanii qoodamtee turte. Waaqayyo Gooftaa onnee ti; inni hundaa ni qaba yookiin homaa hin qabu. Yoo lolaan onnee guutummaatti Waaqayyoon duukaa bu'eera ta'e, jabaatee ni yaa'a ture, akkasumas waan hundumaa dura isaa jiru ni mo'a ture. Fakkeessaan isaanii Waaqayyoo wajjin kakuu galuuf soba ture. Hattatumaanuu adeemsi haqaa akkuma summii heemlookii ture. Yaa gaabbii, Mana Kiristaanaa mul'attuun hanga har'aattis wayinii duwwaa akkamiiti! Garuu badhaadinnii lafaa hundinuu walitti qabama afuuffee bishaanii qofa, kan akkuma huurrii bishaan irra jiruutti dafee balleeffamu dha. Cubbamoonni Abbaa Firdii isa yeroo ammaatti Furaa isaanii ta'eetti tuffatan sana irraa gabbara akka malee ni barbaadu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እስራኤል ፍሬው የበዛለት የለመለመ ወይን ነው፤ እንደ ፍሬው ብዛት መሠዊያውን አብዝቶአል፤ እንደ ምድሩም ማማር መጠን ሐውልቶችን እያሳመሩ ሠርተዋል። አማርኛ ENGNIV Israel was a spreading vine; he brought forth fruit for himself. As his fruit increased, he built more altars; as his l… English BCV እስራኤል ብዙሕ ዝሰፍሐን ብዙሕ ፍረ ዝፈሪ ወይንን እዩ። ከም መጠን ምብዛሕ ፍረኡ፥ ብዙሕ መሰውኢታት ኣብዝሐ፤ ከም መጠን ምፅባቕ ምድሩውን፥ እናመልክዑ ሓወልትታት ሰርሑ። ትግርኛ GAZBIB Warri Israa'elis akka muka waynii of jaallatee ija baay'ee naqatuu ti; hammuma iji hojii isaanii baay'ate iddoo aarsaas… Afaan Oromoo BCV GIZ ዓፀደ ወይን ዘሠረፀ ኤፍሬም ወሠምረ ፍሬሁ፤ ወበከመ ብዝኀ ፍሬሆሙ ከማሁ አብዝኀ መሥዋዕቶሙ ወበአምጣነ ብሔሩ ሐነፁ ሐውልተ። giz BCV aksum እስራኤል ብዙሕ ዝሰፍሐን ብዙሕ ፍረ ዝፈሪ ወይንን እዩ። ከም መጠን ምብዛሕ ፍረኡ፥ ብዙሕ መሰውኢታት ኣብዝሐ፤ ከም መጠን ምፅባቕ ምድሩውን፥ እናመልክዑ ሓወልትታት ሰርሑ። ትግርኛ AMHNIV እስራኤል የተንዠረገገ ወይን ነበር፤ ብዙ ፍሬም አፈራ፤ ፍሬው በበዛ መጠን፣ ብዙ መሠዊያዎችን ሠራ፤ ምድሩ በበለጸገ መጠን፣ የጣዖታት ማምለኪያ ዐምዶችን አስጌጠ። አማርኛ SWAHSUV Israeli ni mzabibu, utoao matunda yake; kwa kadiri ya wingi wa matunda yake, kwa kadiri iyo hiyo ameongeza madhabahu za… Kiswahili