Hojii Ergamootaa 5

GAZGAZAfaan Oromoo42 Keeyyattoota7:43 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:43 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Namichi Anaaniyaas jedhamu tokko ture; inni haadha manaa isaa Safiiraa wajjin walii galee, lafa qaban tokko gurgurate.

2Horicha irraa garuu dhokfatee, gar tokko fidee ergamootatti kenne; kanas immoo maree haadha manaa isaatiin waan godheef, isheen gaarii gootee beekti turte.

3Phexros yommus, ?Anaaniyaas, akka ati hafuura qulqulluu sobduuf, horii araddaa kee itti gurgurte keessaas akka dhokfattuuf, maaliif Seexanni yaada garaa kee keessa guute?

4Qabeenyi kee kun utuu ati hin gurgurin kan kee ture, erga gurgurtees horichi harka kee keessa jira mitii ree? Attamitti garaa kee keessatti kana malte ree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon sobde malee? jedheen.

5Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga'e, lafa dha'ee du'e; warri kana dhaga'an hundinuus, guddaa sodaatan.

6Dargaggoonni immoo dhufanii reeffa isaa kafananii, geessanii awwaalanis.

7Akka sa'aatii sadii kan ga'u turtee haati manaa isaa, waan abbaan manaa ishee ta'e utuu hin beekin dhufte.

8Phexros immoo, ?Araddaa keessan dhuguma hamma kanatti gurgurtanii? Anatti himi!? jedhe; isheenis, ?Eyyee, nuyi hammasumatti gurgurre? jetteen.

9Phexros garuu, ?Hafuura gooftaa qoruudhaaf, kan isin walii galtan kun maali? Warri abbaa manaa kee awwaalan kunoo, amma balbala dura jiru, sis immoo gad si baasu!? ittiin jedhe.

10Isheenis yommusuma miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sun ol galanii akka duute yommuu argan, gad baasanii abbaa manaa ishee bukkeetti ishee awwaalan.

11Waldaan amantootaa guutummaatti, warri kana dhaga'an hundinuus guddaa sodaatan.

12Yommus milikkinnii fi dinqiin baay'een harka ergamootaatiin saba sana gidduutti in hojjetama ture, amantoonni hundinuus gardaafoo Solomoonitti wal ga'u turan.

13Warra kaan keessaa garuu namni tokko illee dhimma isaanii keessa lixuudhaaf ija hin jabaanne, saba durattis maqaa gaarii qabu turan.

14Kana hundumaa irrattis warri gooftaatti amanan, dhiironnis dubartoonnis, ittumaa baay'atan.

15Dhukkubsatoota baay'ee iyyuu, yommuu Phexros karaa sana irra darbu gaadidduun isaa isaan keessaa tokko tokko irra illee haa buufatuuf sireedhaan, muka wasaasaatiinis fidanii karaa irra in kaa'u.

16Mandaroota naanna'aa Yerusaalemiis namoonni danuun dhukkubsatootaa fi warra hafuuronni hamoonni rakkisan fidanii in dhufu; warri geeffaman hundinuus in fayyifamu turan.

17Angafni lubootaa garuu garee Saduqootaa keessaa warra isa gargaaranii wajjin, hinaaffaan isaan keessa guutee, isaan irratti ka'an;

18ergamoota qabanii mana hidhaatti galchan.

19Ergamaan Waaqayyoo gooftaa garuu halkan balbaloota mana hidhaa sana banee, isaan dura bu'ee, fuudhee ba'ee,

20?Dhaqaatii mana qulqullummaa keessatti waa'ee dubbii jireenyaa isa haaraa kana hundumaa, sabatti himaa!? isaaniin jedhe.

21Isaan dubbii kana fudhatanii, akkuma bari'een mana qulqullummaatti ol galanii barsiisan. Angafni lubootaa warra isa gargaaranii wajjin dhufee, yaa'ii maanguddoota ijoollee Israa'el walitti waamee, ergamoota warra hidhaman sana fichisiisuudhaaf gara mana hidhaa sanatti erge.

22Warri ergaman dhufanii mana hidhaa sana keessaa isaan dhabnaan, deebi'anii warra isaan ergetti himan.

23?Manni hidhaa karaa hundumaa akkuma jabaatee cufametti jira, warri eeganis balbala hundumaa dura dhaabatanii jiru; yeroo nuyi manicha banne garuu, nama tokko illee keessatti hin argine? jedhan.

24Dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, luboonni warri angafoonnis kana dhaga'anii, maal ta'an laata jechuu irraa kan ka'e waan godhan wallaalan.

25Ergasii namni tokko dhufee, ?Namoonni isin mana hidhaatti galchitan sun, kunoo mana qulqullummaa keessatti, saba barsiisaa jiru? jedhee isaanitti hime.

26Yommus dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, namoota isaa wajjin dhaqee gara yaa'ichaatti isaan fide; garuu sabni dhagaadhaan nu rukuta jedhanii waan sodaataniif, hammina isaan irratti hin hojjenne.

27Ergamoota sana fidanii yaa'ii sana dura dhaabachiisan. Angafni lubootaas gaaffiidhaan isaan qoree,

28?Nuyi maqaa kanaan akka hin barsiifne cimsinee isin abboomneerra, isin garuu kunoo barsiisa keessaniin Yerusaalemin waliin geessaniittu; akkasumas dhiiga namicha kanaa nu irratti fiduu yaaddu? jedhan.

29Phexrosii fi ergamoonni warri kaan garuu deebisanii, ?Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.

30Waaqayyo abboota keenyaa, Yesusin, isa isin mukatti fanniftanii ajjeeftan, du'aa kaaseera.

31Waaqayyo geddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu Israa'eliif kennuudhaaf, abboomaa fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera.

32Nu immoo dubbii kana hundumaaf dhuga-baatuu dha, hafuurri qulqulluun, inni Waaqayyo warra isaaf abboomamaniif kennes, akkasuma dhugaa in ba'a? jedhan.

33Warri yaa'ii taa'an kana dhaga'anii, garaan isaanii waan gubateef, ergamoota ajjeesuudhaaf barbaadan.

34Isaan keessaa Fariisichi, barsiisaa seeraas kan ture, maqaan isaa Gamaali'el kan jedhamu, saba hundumaa birattis kan ulfaate ka'ee, ergamoonni sun yeroo xinnoodhaaf ala akka tursiifaman abboome.

35Warra yaa'iitiin immoo, ?Yaa namoota Israa'el, waan jarreen kana irratti hojjechuuf jettan keessatti of eeggadhaa!

36Kanaan dura Toyidaas ka'ee, ani nama jabaa dha ofiin jennaan, akka namoota dhibba afurii kan ta'an duukaa bu'an; garuu inni in ajjeefame, warri yaada isaa duukaa harkifamanis in badan, ka'i isaas homaattuu hin galle.

37Akkasumas Yihudaan namichi Galiilaa, bara lakkoobsa sabaa ka'ee, namoota baay'ee wallaalchisee of duukaa buusee ture; innis immoo harka namaatti duunaan, warri duuka buutuu isaatiis in bittimmaa'an.

38Akkasuma jara ammaa kana irrattis waan tokko illee hamaa akka hin goone isinittan hima; isaan gad dhiisaa! Akeeka kanaa fi hojii isaa namatu yaadee qopheesse yoo ta'eef, baduuf jira.

39Waaqayyo biraa yoo dhufe garuu, jara kana balleessuu hin dandeessan; ofii keessanii iyyuu immoo Waaqayyoon utuu loltanii akka hin argamne isinan yaadachiisa? ittiin jennaan, yaa'ichi gorsa Gamaali'el dhaga'e.

40Kana irratti warri yaa'ii taa'an ergamoota ol waamanii reebanii, maqaa Yesusiin akka hin dubbannes dhowwanii, gad isaan dhiisan.

41Ergamoonni yommus, ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif ta'eef, gammadaa yaa'icha biraa gad ba'an.

42Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta'e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.

Ibsa

Hojii Ergamootaa 5:1-11

Cubbuun Anaaniyaasii fi Saafiraa inni isaan barattoota dhugaa hin turre, garuu barattoota beekamoo akka ta'anitti fudhatamuu hawwu turan. Warri fakkeessitootaa ofirraa dhowwachuu danda'u, akkasumas yeroo tokko faayidaa addunyaa isaanii dhiisuu danda'u, garuu kunis waan biraadhaa bu'aa argachuuf abdii qabaataniiti. Isaan qabeenya addunyaa hawwu turan, akkasumas Waaqayyoonii fi kunuunsa Waaqayyoo hin amanan turre. Isaan Waaqayyoonii fi qabeenya lamaan tajaajiluu akka danda'an yaadan. Ergamoota gowwoomsuuf yaadan. Hafuurri Waaqayyoo Pheexiros keessa ture, bu'uura amantaa dhabuu onnee Anaaniyaas keessa bulchaa ture ni hubate. Haata'u malee, Seexanni maal jedheyyuu, onnee Anaaniyaas hammina kanaan guutuu hin danda'u ture yoo inni tole hin jedhin ta'e. Kijibni kun Hafuura dhugaa isa ergamootaan ifatti dubbataa fi hojjetaa ture gowwoomsuuf yaalii ture. Yakki Anaaniyaas gatii lafaa irraa kutaa tokko qabachuu isaa hin turre; inni hunda isaa qabachuu danda'a ture, yoo fedhe ta'e. Garuu inni kijiba hamaan ergamoota irratti deddeebisee dirqisiisuuf yaaluu isaa ture, kunis hawwii qabeenyaatti dabalamee of tuuluuf ykn of agarsiisuuf fedhii qabaachuudhaan. Garuu Waaqayyoon gowwoomsuudhaaf yoo yaalle, lubbuu keenya irratti gowwoomsa hamaa, kan lubbuu galaana du'aatti geessu ni goona. Akkam gaddisiisaadha, firoonni waan gaariitti wal jajjabeessuu qaban, garuu waan hamaa irratti wal jabeessaa (wal goggoomsaa) jiran ilaaluun!

Adabbiin kunis dhugumaan namoota hedduudhaaf garaa laafina ture. Kunis of qoruu cimaa, kadhannaa, fi sodaachuu fakkeessummaa, hawwii qabeenyaa, akkasumas of tuulummaa ykn of agarsiisuu faayidaa hin qabne ni fida, ammas akkasuma ta'uu qaba. Kunis daballii warra fakkeessitootaa ni dhowwa ture. Kana irraa, kijibni Waaqayyo dhugaa biratti akkam jibbiisaa akka ta'e barannaa, akkasumas kijiba kallattii qofa osoo hin taane, faayidaa hundaa jechoota shakkisiisoo fi hiika lama qaban dubbii keenya keessatti fayyadamuun dhufu dhabamsiisuu qabna.

5:12-16 Fakkeessitoonni murtiiwwan adda baasanin addaan baafamuun, warra dhugaa qaban walitti fi tajaajila wangeelaatti akka maxxanan taasisuu qaba. Wanti qulqullinaa fi kabaja waldaa kiristaanaa fooyyessu kamiyyuu, guddina ishee ni deeggara; garuu humni raajiiwwan akkasii ergamootaan hojjete sun duwwaatu cubbamoota humna cubbuu fi Seexanaa jalaa baraarsuu, akkasumas amantoota warra Isa waaqeffatanitti dabaluu danda'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6