Dhiifama
37 Lakkoofsota15Afaan OromooBa'uu 34:6-7
6Gooftichi achumaan Musee dura darbee sagalee isaa dhageessisee,“Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha.
7Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu; yakka abbootaa immoo hamma dhaloota sadiitti, hamma afuriittis harka ijoollee fi ijoollee ijoollee isaanii keessaa barbaadee nan adaba” jedhe.
Lakkoofsa 14:18-20
18“Ani Waaqayyo aariitti suuta-jedhaa dha, gaarummaan koo guddaa dha, cubbuu fi yakkaa fi irra-daddarbaa namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, nama yakka qabu utuun hin adabin hin dhiisu; ijoollota sababii yakka abboota isaaniitiif hamma dhaloota sadiiitti, hamma afuriittis nan adaba” jetteetta.
19Ammas akka gaarummaa kee isa guddaatti, akkuma yeroo isaan biyya Gibxii ka'anii jalqabdee hamma ammaatti isaaniif obsitetti, jara kanaaf yakka isaanii akka dhiiftu sin kadhadha!” jedhe.
20Waaqayyo deebisee,“Akkuma ati kadhattetti ani isaaniif dhiiseera;
Faarfannaa 19:12
12Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda'a ree” Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!
Faarfannaa 25:7
7Yaa Waaqayyo, ati gaarii waan taateef, gaarummaa keetiin na yaadadhu malee, cubbuu ijoollummaa koo fi irra-daddarbaa koo hin yaadatin!
Faarfannaa 25:18
18Gadadamuu koo, rakkachuu koos ilaali, cubbuu koo hundumaas anaaf dhiisi!
Faarfannaa 32:1-2
Faarfannaa 85:2-3
Faarfannaa 86:3-5
3Ani guyyaa guutuu gara keetti nan iyya, ati araara anatti argisiisi, yaa gooftaa!
4Ani hawwa lubbuu koo gara keetti ol nan kaafadha, yaa gooftaa, ati lubbuu garbicha kee gammachiisi!
5Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta, warra si waammatan hundumaafis gaarummaan kee in baay'ata.
Faarfannaa 103:1-14
1Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, keessi namummaa koo guutummaatti maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisu!
2Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin!
3Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa;
4Jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi oo'a si gonfa;
5inni jireenya kee waan gaariidhaan in quufsa, dargaggummaan kees haara'ee akka joobiraa in taata.
6Waaqayyo qajeelummaa in hojjeta, warra cunqurfamaniifis firdii qajeelaa in baasa.
7Inni karaa hojii isaa Museetti, gocha isaas ijoollee Israa'elitti in beeksise.
8Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.
9Inni si'a hundumaa dubbii gad hin kota'u, bara baraanis akka dheekkametti hin hafu!
10Akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu.
11Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta'e, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha.
12Ba'i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa;
13abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa.
14Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta'uu keenyas in yaadata.
Maatewos 6:12
12Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!
Maatewos 6:14-15
Maatewos 12:31-32
31Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka'u garuu hin dhiifamu.
32Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti, bara dhufuttis dhiifama hin argatu? isaaniin jedhe.
Maarqos 2:7
7?Attamitti namichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?? jedhan.
2ffaa Pheexiroos 3:9
9Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda'a.
1ffaa Yohaannis 2:12
12Isin ijoollota nana! Maqaa isaatiin cubbuun keessan akka isiniif dhiifame isiniif caafuuttan jira.