Dhaloota Yisihaaq
20 Lakkoofsota2Afaan OromooSeensa 21:1-7
1Waaqayyo akkuma abdachiisee ture, Saaraa in yaadate; akkuma dubbates isheedhaaf in godhe.
2Erga Abrahaam dulloomee yeroo itti Waaqayyo,“Haati manaa kee ilma in deessi” jedhee isatti dubbatee turetti, Saaraan ulfooftee ilma in deesseef.
3Abrahaamis maqaa ilma isaaf dhalate, isa Saaraan deesseefii sana “Yisihaq” jedhee moggaase; [“Yisihaq” jechuun “In kolfa” jechuu dha].
4Akkuma Waaqayyo isa abboomee turetti, ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetitti, Abrahaam dhagna isa qabe.
5Yeroo ilmi isaa Yisihaq dhalateef, Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture.
6Saaraanis,“Waaqayyo sababii ani ittiin kolfu anaaf kenne, warri dhaga'an hundinuus anaa wajjin in kolfu” jette.
7Itti dabaltees, “ ‘Saaraan mucaa hoosisuuf jetti?, jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaade ree” Ani garuu bara dulluma isaatti ilma da'eeraaf!” jette.
Seensa 21:9-21
9Saaraan garuu, ilmi Aggaar ishee Gibxittii sanaa, inni isheen Abrahaamiif deesse, tapha gadhee utuu taphatuu argite;
10kanaafis Abrahaamiin,“Ilmi xomboree kanaa ilma koo Yisihaqii wajjin dhaaluun isaaf waan hin taaneef, xomboree kana ilma ishee wajjin manaa baasi!” jette.
11Dubbiin waa'ee Ishmaa'el ilma isaatii kun Abrahaamin baay'ee in rakkise.
12Waaqayyo garuu Abrahaamiin,“Waa'een mucichaa fi waa'een xomboree keetii si hin rakkisin! Sanyiin kee maqaa Yisihaqiin waan waamamuuf, waanuma Saaraan sitti himtu dhaga'i!
13Ilmi xomboreettiis dhala kee waan ta'eef, isas immoo saba tokko nan godha” jedhe.
14Abrahaamis ganama bariidhaan ka'ee, buddeenaa fi bishaan qalqala tokko Aggaariif kennee, mucichas gatiittii ishee irra kaa'ee ishee adeemsise; isheenis achii baatee lafa onaa Bersheebaa keessa in joorte.
15Yeroo bishaanichi qalqala keessaa dhumetti, Aggaar mucicha huuxxii tokko jalatti gatte;
16kana booddee hamma darba-eeboo irraa fagaattee, fuullee isaa dhaqxee teesse; isheen,“Yommuu mucichi du'u, taa'ee hin ilaalu!” waan jetteef, fuullee isaa teessee sagalee ishee ol fuutee in boosse.
17Waaqayyo sagalee boo'icha mucichaa in dhaga'e; ergamaan Waaqayyoos bantiiwwan waaqaa keessaa Aggaarin waamee,“Aggaar, maal taate” Mucichi iddoo jirutti Waaqayyo sagalee isaa dhaga'eeraatii hin sodaatin!
18Ani saba guddaa isa gochuufan jira, ka'ii mucicha ol fuudhi, harka keetiinis jabeessii isa qabi!” jedheen.
19Yommus Waaqayyo ija ishee in baneef; isheenis boolla bishaanii tokko in argite; dhaqxees bishaan qalqalichatti guuttee, mucichas in obaafte.
20Waaqayyo mucichaa wajjin ture, innis in guddate; inni lafa onaa keessa jiraatee, nama xiyya darbachuutti beekame in ta'e.
21Inni Phaaraan lafa onaa keessa jiraate; haati isaas durba warra Gibxii isa in fuusifte.