Daawit Fi Yonaataan

32 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

1ffaa Saamu'eel 18:6-30

6Daawit Filisxeemicha erga ajjeesee booddee, namoonni gara manaatti deebi'aa utuu jiranii, dubartoonni mandaroota Israa'el hundumaa keessaa dibbee fi kiraara fudhatanii gammachuudhaan weeddisaa, sirbaas Saa'ol mooticha simachuudhaaf in ba'an.

7Dubartoonni sunis, “Saa'ol kumaatama ajeefate, Daawit garuu kuma kumaatamaa in ajeefate” jedhanii, wal harkaa fuudhanii in weeddisu turan.

8Dubbiin kun hamaa ta'ee Saa'olitti waan mul'ateef, baay'isee isa aarse;“Anaaf kumaatama, Daawitiif garuu kuma kumaatamaa in lakkaa'an; mootummicha fudhachuu malee, maaltu isa hafe!” jedhe.

9Yeroo sanaa jalqabee Saa'ol ija hinaaffaatiin Daawitin in ilaala ture.

10Borumtaa isaa hafuurri hamaan Waaqayyo biraa Saa'olitti ergamnaan, utuu Daawit akkuma amala isaatii kiraara rukutaa jiruu, Saa'ol mana isaa keessatti akka nama maraateetti raajii in dubbate; yeroo sanattis eeboo of harkaa qaba ture.

11Inni yaada isaatti,“Daawitin keenyanittan fayyisa!” jedhee, eeboo isaa itti darbate; Daawit garuu si'a lama isa jalaa in miliqe.

12Waaqayyo sababii Saa'ol irraa fagaatee Daawitii wajjin jiraatuuf, Saa'ol isa in sodaate.

13Kanaaf inni Daawitin ofittii fageessee angafa kumaa akka inni ta'u in godhe; akkasitti Daawit dura-buutuu ta'ee jara in geggeesse.

14Waaqayyo isaa wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu hundinuu wal in qixxaateef.

15Saa'ol immoo wanti inni hojjetu wal isaaf qixxaachuu isaa yommuu arge isa in sodaate.

16Namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa hundinuu garuu sababii Daawit yeroo hundumaa isaan dura bu'ee isaan geggeessuuf isa in jaallatan.

17Yommus Saa'ol Daawitiin,“Kunoo! Ani Meraab intala koo ishee angafa sittan heerumsiisa; ati immoo ilma jagna anaaf ta'iitii lola isa kan Waaqayyoo loli!” jedhe; Saa'ol garaa isaatti,“Inni harka Filisxeemotaatti haa sababamu malee, harka kootti hin sababamin!” jedhee waan yaadeef, kana in dubbate.

18Daawit garuu deebisee Saa'oliin,“Intala mootii kanan fuudhu, ani eenyu” Israa'el keessaas qomoon koo, qomoon abbaa kootiis isa kami?” jedhe.

19Haa ta'u iyyuu malee, yeroo Saa'ol intala isaa Meraabin isatti heerumsiisuuf jedhetti, isheen Adrii'el Meholaatichatti in heerumte.

20Mikaal intalli Saa'ol garuu Daawitin in jaallatte; Saa'olis dubbicha yommuu dhaga'e itti gammadee,

21“Daawititti ishee nan heerumsiisa, isheen kiyyoo isatti in taati, harka Filisxeemotaattis in sababama” jedhe; Saa'ol kanaaf Daawitin,“Kunoo, alana soddaa koo in taata” jedhe.

22Itti fufees,“Kunoo! Mootiin, hojjetoonni isaa hundinuus waan si jaallataniif,“Ati immoo intala mootii fuudhi!” jedhaatii gad qabaadhaan Daawititti himaa!” jedhee hojjetoota isaa in abboome.

23Hojjetoonni Saa'ol dubbicha Daawititti in himan; Daawit immoo,“Anoo hiyyeessa, nama hamma kanatti beekames miti! Soddaa mootii ta'uun dubbiidhuma salphaa isinitti fakkaataa ree?” jedhe.

24Hojjetoonni Saa'olis wanta Daawit jedhe isatti in himan.

25Daawit harka Filisxeemotaatti akka du'uuf akeeka waan qabuuf, Saa'ol deebisee, “ ‘Mootichi diinota isaa irratti ijaa baafachuudhaaf misa Filisxeemota dhibba tokko fiduu malee, qaraxa kan biraatti hin gammadu” jedhaatii Daawititti himaa!” jedhe.

26Hojjetoonni isaas dubbicha Daawititti yeroo himanitti, inni soddaa mootichaa ta'uutti in gammade; guyyaan dhaaba isaatii utuu hin ga'in,

27Daawit namoota isaatii wajjin ba'ee Filisxeemota dhibba lama ajjeesee, mootichaaf soddaa ta'uudhaaf misa isaanii guutummaatti isa duratti in dhi'eesse; Saa'ol akkasitti Mikaalin intala isaa isatti in heerumsiise.

28Saa'ol yeroo sana Waaqayyo akka Daawitii wajjin jiru argee, Mikaal intalli isaas akka isa jaallatte hubatee,

29ittuma caalchisee Daawitin in sodaate; bara jireenya isaatti akkuma diina isaa ta'etti in hafe.

30Gurguddoonni Filisxeemotaa ittuma fufanii lolaaf in ba'u turan; yeroodhuma ba'an hundumaattis hojjetoota Saa'ol warra gurguddoota keessaa caalaatti hojiin Daawit wal in qixxaataaf ture; maqaan isaas baay'isee in beekame.

1ffaa Saamu'eel 19:1-7

1Saa'ol kana irratti,“Daawitin ajjeesaa!” jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime; Yonaataan garuu Daawitin baay'isee waan jaallatuuf,

2“Saa'ol abbaan koo si ajjeesuu in barbaadaatii, bor ganama hadaraa of eeggadhu! Da'oo tokko keessa dhokadhuu, achuma turi!

3Ani gad nan ba'a, bakkee lafa ati jirtutti abbaa koo bukkee dhaabadhee waa'ee kee isatti dubbadhee wanta ta'u ilaalee sitti nan hima” jedhee Daawititti in dubbate.

4Yonaataan kana booddee Saa'ol abbaa isaatiin,“Yaa mootii! Daawit garbichi kee wanta baay'ee gaarii ta'e siif hojjete malee, si hin yakkine, kanaaf atis isa hin yakkin!” jedhee, waa'ee Daawitiif gaarii in dubbate.

5Itti fufees,“Inni fittee irra of buusee Filisxeemicha in ajjeese; akkasitti Waaqayyo guutummaa Israa'eliif fayyina guddaa in hojjeteef; atis kana argitee gammaddeetta; egaa maaliif sababiidhuma tokko malee, Daawitin ajjeeftee dhiiga qullaa'aa irratti dabaa hojjetta ree?” jedhe.

6Saa'ol dubbii Yonaataan dhaggeeffatee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti hin ajjeefamu!” jedhee in kakate.

7Kana booddee Yonaataan Daawitin waamee, dubbii kana hundumaa isatti himee, gara Saa'olitti isa in geesse; ergasii Daawit akkuma isaa durii mooticha duratti in argame.