Dhaqna qabaa
44 Lakkoofsota4Afaan OromooHojii Ergamootaa 15:1-31
1Jarreen kutaa biyya Yihudaatii, Anxokiyaa biyya Sooriyaatti gad bu'an tokko immoo, ?Akka seerri Musee ajajutti yoo dhagna qabachuu dhabaattan, fayyuu hin dandeessan? jedhanii kristiiyaanota barsiisuutti ka'an.
2Kana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas jarreen sanaa wajjin wal didanii waliin morkatan. Kanaafis waldaan, morkii kana ergamootaa fi jaarsolii achi jiran biraan ga'uudhaaf, Phaawulosii fi Baarnaabaas, amantoota keessaas namoonni tokko, Yerusaalemitti akka ol ba'aniif murtoo goote.
3Waldaan kristiiyaanaas isaan geggeessitee karaa irra isaan buufte. Isaan immoo, warri saba Waaqayyoo hin ta'in gara Waaqayyootti deebi'uu isaanii odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa darban; oduu kanaanis amantoota achi jiran baay'ee gammachiisan.
4Yerusaalemitti yommuu galan, waldaa kristiiyaanaatii fi ergamootaan, jaarsoliidhaanis in simataman; warri ergaman kun Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa itti himan.
5Garee warra Fariisotaa keessaa amantoota kan ta'an tokko ka'anii, ?Dhagna qabachuudhaaf seera Museen kenne eeguu isaan barsiisuu in barbaachisa? jedhan.
6Kanaaf ergamoonnii fi jaarsoliin dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman.
7Yeroo dheeraa erga irratti dudubbatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka'ee, ?Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta'in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga'anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo'e, ba'eessa gootanii in beektu.
8Waaqayyo inni garaa namaa beeku, hafuura qulqulluu nuufis immoo akkuma kenne, isaaniif kennuu isaatiin, isaan simachuu isaa mul'iseera.
9Inni amantiidhaan garaa isaanii qulleesse malee, nuu fi isaan gidduutti garaagarummaa hin argisiifne.
10Amma'oo ba'aa abboonni keenya, nuyis baachuu hin dandeenye, gatiitii amantootaa irra kaa'uudhaan maaliif Waaqayyoon qortu?
11Nuyi garuu ayyaana gooftaa keenyaa Yesusiin fayyuu keenya in amananna; isaan immoo akkuma kanatti in fayyu? jedheen.
12Kana irratti namoonni hundinuus calluma jedhanii Baarnaabaasii fi Phaawulosin dhaggeeffatan; isaan lamaanis dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa, Waaqayyo harka isaaniitiin saba Waaqayyoo warra hin ta'in keessatti hojjete, itti odeessan.
13Isaan dubbii isaanii afaanii yommuu fixan Yaaqoob ka'ee, ?Obboloota ko, na dhaggeeffadhaa!
14Simoon, Waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta'in keessaa, saba ofii isaatii godhachuudhaaf akka dhimme, nutti himeera.
15Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti, kanaa wajjin wal fudhata;
16?Isa kana booddee nan deebi'a, mana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, isa diigames haaressee nan dhaaba, nan qajeelchas,
17namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus; gooftaan inni kana godhu akkas jedha?
18kunis durii durii jalqabee beekamaa dha.
19?Kanaafis akkan yaadutti yoo ta'e, warri saba isaa hin ta'in gara Waaqayyootti yommuu deebi'an, isaan rakkisuun nuuf hin ta'u.
20Garuu qalma isa xuraa'aa waaqayyo tolfamaadhaaf aarsaa dhi'aate irraa akka afaaniin hin qabne, halalummaa irraa akka of eeggatan, foon horii hudhamee du'e irraa akka hin nyaanne, dhiigas akka hin nyaanne akka hin dhugnes, isaaniif caafuun nuuf in ta'a.
21Durii durii jalqabanii seera Musee mandara mandaratti kan lallaban, manneen sagadaa keessattis Sanbata hundumaatti kan isa dubbisan jiru? jedhe.
22Dubbii kana booddee ergamoonnii fi jaarsoliin, guutummaa waldaa kristiiyaanaa sanaa wajjin of keessaa namoota fo'anii, Phaawulosii fi Baarnaabaas duukaa Anxokiyaatti erguudhaaf, walii galan; Yihudaa isa ?Baarnaabaas? jedhamuu fi Siilaasin, warra dura-buutuu amantootaa keessaa turan, fo'anii ergamoota lamaanii wajjin ergan.
23Ergaan caaffataan isaanitti kennames, kanatti fufee kan jiruu dha; ?Nuyi ergamoonnii fi jaarsoliin obboloonni keessan, isin saba garaa garaa keessaa obboloota keenya taatanii, mandara Anxokiyaa kutaa biyya Sooriyaatii fi Qiliiqiyaa keessa kan jiraataniif, nagaa keenya isiniif in dhi'eessina.
24?Nu keessaa jarreen tokko, kanaaf utuu hin ajajamin isin bira dhufanii, dubbiidhaan akka isin wallaalchisan, yaada keessanis akka raasan dhageenyeerra.
25Kanaaf yaada tokkoon walii gallee, of keessaa namoota foonee, Baarnaabaasii fi Phaawulos jaallatamoo wajjin, gara keessanitti erguun gaarii fakkaatee nutti mul'ate.
26Akkuma beektan iyyuu, Baarnaabaasii fi Phaawulos warra jireenya isaanii gooftaa keenya Yesus Kristosiif dabarsanii kennanii dha.
27Egaa isuma isinii caafne afaan isaaniitiin immoo akka isinitti himaniif, Yihudaadhaa fi Siilaasin isiniif ergine.
28Waan barbaachisu irra kan caalu ba'aa biraa isin irra akka hin keenyeef, hafuura qulqulluutti, nuttis gaarii fakkaateera.
29Kunis immoo qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'e nyaachuu irraa, halalummaa irraas akka fagaattan; kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!?
30Warri ergaman ka'anii, Anxokiyaatti gad bu'an; achitti tuuta amantootaa walitti qabanii caaffaticha kennaniif.
31Jarri immoo caaffaticha dubbisanii, dubbii gorsa isaatti in gammadan.
Hojii Ergamootaa 16:1-3
1Phaawulos karaa isaa itti fufee mandara Derbee dhaqee, mandara Lisxiraattis darbe. Achi immoo Ximotewos kan jedhamu dargaggeessi amane tokko ture; haati isaa Yihudii wangeelatti amantee dha, abbaan isaa immoo Griikii dha.
2Ximotewos amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.
3Phaawulos akka Ximotewos isa duukaa adeemu barbaadee, dhagna isa qabsiise. Kana gochuun isaas, Yihudoonni naannoo sana jiraatan hundinuu abbaan isaa nama Griikii ta'uu isaa beeku waan turaniif.
Hojii Ergamootaa 21:18-26
18Borumtaas Phaawulos nuu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin waldaa kristiiyaanaa hundumti isaaniis achitti argaman.
19Phaawulos erga nagaa isaan gaafatee booddee, waan Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in gidduutti hojii isaa keessaan raawwate, tokko tokkoon tarree galchee isaanitti in odeesse.
20Yommus warri kana dhaga'an Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan; Phaawulosiin immoo komatanii, ?Ilaa obboleessaa! Yihudoonni amanan kumaatama meeqatti kan lakkaa'aman akka jiran atumtuu in argita; hundumti isaaniis seera Waaqayyootiif in hinaafu.
21Yihudoonni warri biyya ormaa keessa jiraatan hundinuu, seera Musee akka ganan, ijoollee isaanii akka dhagna hin qabne, wanta amala ta'e duukaa akka hin buune, barsiisuun kee isaanitti himameera.
22Isaanoo akka ati dhufte in dhaga'u; egaa maal gochuu wayya ree?
23Amma waan nuyi sitti himnu godhi! Namoota wareega of irraa qaban afur qabna.
24Ati isaaniin fuudhii dhaqi, isaanii wajjin of qulleessi, mataa isaanii haaddachuu akka danda'aniifis, gatii isaan of qulleessuudhaaf baasan ati baasiif! Kanaan namoonni hundinuu, waa'ee keetiif kan isaanitti himame kun waan dhimma hin baafne ta'uu isaa, atis ofii keetii seeratti qabamuu kee, isas eeguu kee beekuu in danda'u.
25Saba Waaqayyoo warra hin ta'in keessaa kan amanan immoo, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate irraa, dhiiga nyaachuu fi dhuguu irraa, foon horii hudhamee du'ee nyaachuu irraa, halalummaa irraas, akka of eeggatan duraan dursinee murtoo goonee isaaniif caafneerra? ittiin jedhan.
26Phaawulos borumtaa namoota sana geessee isaanii wajjin of qulleesse. Guyyaan qullaa'ummaa isaanii yoom akka raawwatamu, guyyaa kamittis tokko tokkon isaaniitiif aarsaan akka dhi'aatu beeksisuudhaaf, mana qulqullummaatti gale.
1ffaa Qorontos 7:19
19Abboommota Waaqayyoo eeguutu gatii qaba malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu.