Dandeettiiwwan
17 LakkoofsotaAfaan OromooMaatewos 25:14-30
14Yesus itti dabalee, ?Dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti; inni hojjetoota isaa waamee, horii callaa qaba ture itti kennate.
15Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme.
16Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si'uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate.
17Inni meetii kuma lama fudhate immoo, meetii kuma lama buufate.
18Namichi inni meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale.
19?Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi'ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa'ate.
20Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera? jedhe.
21Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.
22Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera? jedhe.
23Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.
24?Namichi inni meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, ati nama gara-jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsinii walitti qabattu, ta'uu kee ani beeka.
25Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti? jedhe.
26Gooftaan isaa garuu deebisee, ?Ati hojjetaa hamaa dhaa fi dhibaa'aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu, iddoo itti hin bittimsinii akkan walitti qabadhu, beekteetta mitii?
27Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa'uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture.
28Egaa meeticha kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, isa meetii kuma kudhan qabuuf kennaa!
29Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf; kana kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama.
30Hojjetaa isa waa'ee hin baafne kana dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe? isaaniin jedhe.