Dhaggeeffachuu
26 Lakkoofsota25Afaan OromooYaaqoob 1:19
19Obboloota koo jaallatamoo! Namni adduma addaan dhaga'uutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta'uun akka isa irra jiru beekaa!
Luqaas 11:28
28Inni garuu deebiseefii, ?Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga'anii kan raawwatan haa gammadan!? jedheen.
Yaaqoob 1:22
22Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin ta'inaa!
Ermiyaas 33:3
3inni,“Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.
1ffaa Yohaannis 5:14
14Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna.
Ermiyaas 29:12
12Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhaga'a;
Fakkeenya 16:20
20Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf; namni Waaqayyoon amanatu maal maal haa gammadu!
Faarfannaa 116:1-2
Maatewos 7:24
24Yesus, ?Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
Filiphisiyus 4:9
9Wanta ana irraa bartan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessan, utuun hojjedhuus waan argitan, isinis akkasuma godhaa! Waaqayyo inni nagaa kennu isinii wajjin in ta'a.
1ffaa Yohaannis 5:15
15Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna.
Faarfannaa 18:6
6rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf ga'e.
Mul'ata 3:20
20Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.
Fakkeenya 10:17
17namni gorsa yaadatti fudhatu karaa jireenyaa irra in bu'a, namni ifata tuffatu garuu karaa irraa in kaata.
Roomaa 10:17
17Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama.
Hojii Ergamootaa 16:25
25Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.
Faarfannaa 5:3
3Yaa Waaqayyo ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala.
Malaakii 2:2
2isin yoo anaaf dhaga'uu diddan, maqaa kootiif ulfina kennuudhaaf yoo itti yaaduu dhiiftan, ani immoo abaarsa isin irratti nan erga, eebba keessanis abaarsatti nan geddara; sababii isin ulfina anaaf kennuudhaaf itti yaaduu dhiiftaniif, dhuguma ani ammuma iyyuu abaareera.
Fakkeenya 6:20
20Yaa ilma ko, abboommii abbaa keetii eegi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin!
Keessa Deebii 13:4
4Isin Waaqayyo gooftaa keessan duukaa bu'aa, isa sodaadhaa, abboommii isaa eegaa, sagalee isaa dhaga'aa, isaaf hojjedhaa, isattis maxxanaa!
Maatewos 18:15
15Yesus itti fufee, ?Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan kophaa jirtanitti balleessaa isaa itti himi! Inni yoo si dhaga'e obboleessa kee deebifatteetta.
Faarfannaa 34:15
15Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.
Maatewos 4:4
4Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee? kan jedhu caafameera? jedhe.
Galaatiyaa 3:5
5Isa seerri isin irraa barbaadu waan hojjettaniif moo yookiis wangeela dhageessanii waan itti amantaniif Waaqayyo hafuura isaa isiniif kennee, hojii aangoos isin keessatti hojjeta?
Luqaas 12:3
3Kanaafis waan isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatti ba'ee in dhaga'ama; mana cufamaa keessatti gurra namaatti kan hasaaftan, iddoo ol jedhaa irratti lallabamee in dhageessifama? jedhe.