Isaayaas 9

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota5:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Warri dhiphina keessa turan si'achi dukkana keessa hin jiraatan; inni bara durii biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem gad deebise, bara dhufutti immoo biyya Yordaanos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniif ulfina in kenna.

2Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu du'aa jala jiraataniifis ifni in ba'a;

3ati saba baay'iftee gammachuu isaaniis guddifteetta, isaan akka nama midhaan makarutti, si duratti in gammadu; akka warra boojuu hirmatuttis sagalee gammachuu in dhageessisu.

4Bara warra Miidiyaanitti akkuma goote, ammas waanjoo ulfaataa dhaa fi loloosoo isaa gatiittii isaanii irraa in caccabsita, ulee warra isaan cunqursaniis in hurreessita;

5kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuus ibiddaaf in ta'a; ibiddis isaan in fixa.

6Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa,“Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama.

7Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha.

8Dubbiin firdii inni Waaqayyo Yaaqoobitti erge, Israa'el irra in bu'e;

9namoonni Efreemii fi warri mandara Samaariyaa keessa jiraatan, of bokoksuudhaaf of gurguddisuudhaan akka dubbatan sabni hundinuu in beeka;

10namoonni Efreemii fi Samaariyaa kun, “Xuuphiin inni ijaarame in jige, nuyi immoo iddoo isaatti dhagaa soofamaadhaan in ijaarra; harbuun in murame, nuyi immoo iddoo isaa muka gaattiraa in dhaabna” in jedhu.

11Waaqayyo garuu diinota Resiin isaan irratti in kaase, diinota isaaniis isaanitti in tuqe;

12warri Sooriyaa karaa ba'a-biiftuu, warri Filiisxiyaa immoo karaa lixa-biiftuu dhufanii isaan liqimsuudhaaf afaan bananiiru; kana hundumaa irratti iyyuu inni dheekkamsa isaa isaan irraa hin deebifne; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.

13Jarri garuu gara isa isaan rukutee, gara Waaqayyo gooftaa maccaatti hin deebine, isas hin barbaaddanne;

14kanaafis warra mataadhaa fi eegeetti, damee muka meexxii fi dhalaadduutti fakkeeffaman Waaqayyo guyyaa tokkotti biyya Israa'el keessaa in balleessa;

15mataan, jaarsolii fi warra ulfina qabanii dha, eegeen immoo raajota warra soba nama barsiisanii dha.

16Warri saba kana geggeessan karaa irraa isa in kaachisan, warri isaaniin geggeeffamanis in badan.

17Kanaaf gooftichi dargaggoota isaaniitti hin gammadu, ijoollota abbaadhaa fi haadha hin qabneef, haadha hiyyeessotaatiifis hin oo'u; isaan hundumti isaanii warra Waaqayyo malee jiraatanii fi warra hamoota; wanti isaan dubbatan hundinuus hamaa dha; sababii kana hundumaaf dheekkamsi isaa isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.

18Jal'inni akka ibiddaa in guba, qoraattii fi kosorruu xaph in godha, caakkaa gobbuus in qabata; aarri isaas akka utubaatti gara waaqaatti ol in ba'a.

19Dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa lafa in guba; jarris ibiddichaa fi nyaata in ta'u; isaan keessaa namni tokko illee obboleessa isaatiif hin hilu;

20harka mirgaatiin in muratu, garuu beela hin ba'an; harka bitaatiinis in nyaatu, garuu hin quufan; tokkon tokkon isaanii foon aantii isaanii in nyaatu.

21Namoonni Minaasee namoota Efreem irratti, namoonni Efreemis namoota Minaasee irratti in ka'u; lachanuus walii wajjin Yihudaa irratti in ka'u; kana hundumaa booddee iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.

Ibsa

Isaayaas 9:1-7

Siriyaanotaafi Ashuuronni duraan dursee biyyoota asitti eeraman kana barbadeessanii turan, akkasumas naannoon sun duraan dursee lallaba Kiristoosiin eebbifame. Warri Wangeelli isaanitti hin argamin diiydummaa keessa deemu, akkasumas balaa guddaa keessa jiru. Haa ta’u malee, yommuu Wangeelli bakka kamiyyuutti, akkasumas lubbuu kamiyyuutti dhufu, ifni ni dhufa. Nutis garaa keenya keessa akka ibsu, akkasumas gara fayyinaatti nu ogeessuuf haa kadhannu.

Wangeelli gammachuu of duukaa fida. Warri gammachuu argachuu barbaadan, hojii cimaa keessa darbuu eeguu qabu; akka qonnaan bultootaa, yommuu gammachuu midhaanii hin argatin dura; akkasumas akka loltootaa, boojuu qooddatuu isaanii dura, waldhabdee cimaa keessa darbuu eeguu qabu. Yihuudoonni gaanchoo cunqursitoota hedduu jalaa furaman; kun immoo bultii amantoota gaanchoo Seexanaa jalaa furamuuti. Qulqulleessuun lubbuu amantootaa aangoo fi xurii cubbuu jalaa, dhiibbaa Hafuura Qulqulluutiin ta’a, akka ibidda qulqulleessuutti. Wantoonni gurguddoon kun Waldaa Kiristoosiif, Masihii, Immaanu’eliin ni raawwatamu.

Mucichi dhalateera; kun mirkanaa'aadha; akkasumas Waldaan Kiristoos fooniin dhufuu isaatii dura, hojii isaa irraa fayyadamteetti. Kun raajii isaatiifi mootummaa isaa ti, isa warri Jajabina Israa'el eegan gammachuudhaan dubbisan. Mucaan kun faayidaa keenya namootaaf, nu cubbamootaaf, amantoota hundumaaf, jalqabaa hanga dhuma addunyaatti dhalate. Sirriitti Inni Dinqii jedhamee waamama, inni Waaqaafi nama waan ta’eef. Jaalalli isaa dinqii ergamootaafi qulqulloota ulfina qabeessotaati.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ነገር ግን ተጨንቃ ለነበረች ጨለማ አይሆንም። በመጀመሪያው ዘመን የዛብሎንንና የንፍታሌምን ምድር አቃለለ፤ በኋለኛው ዘመን ግን በዮርዳኖስ ማዶ በባሕር መንገድ ያለውን የአሕዛብን ገሊላ ያከብ… አማርኛ ENGNIV Nevertheless, there will be no more gloom for those who were in distress. In the past he humbled the land of Zebulun an… English BCV ግና ኣብ ጭንቂ ንዝነበረት ደጊም ፀልማት ኣይኸውንን፤ ኣብቲ ቐዳማይ ዘመን ንምድሪ ዛብሎንን ንምድሪ ንፍታሌምን ኣዋረደ። ብዳሕረዋይ ዘመን ግና፥ ብማዕዶ ዮርዳኖስ፥ ብመንገዲ ባሕሪ ዘላ ናይ … ትግርኛ GAZBIB Warri dhiphina keessa turan si'achi dukkana keessa hin jiraatan; inni bara durii biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem g… Afaan Oromoo BCV GIZ ወኢይትባላሕ ዘተመንደበ እሰከ አመ ይበጽሕ ዕድሜሁ ለዝ; ዘንተ ፍጡነ ግበር ወፍጡነ ስተይ ብሔረ ዛብሎን ወምድረ ንፍታሌም ተረፈ ጰራልዩ ወማዕዶተ ዮርዳኖስ ዘገሊላ ዘአሕዛብ። giz BCV aksum ግና ኣብ ጭንቂ ንዝነበረት ደጊም ፀልማት ኣይኸውንን፤ ኣብቲ ቐዳማይ ዘመን ንምድሪ ዛብሎንን ንምድሪ ንፍታሌምን ኣዋረደ። ብዳሕረዋይ ዘመን ግና፥ ብማዕዶ ዮርዳኖስ፥ ብመንገዲ ባሕሪ ዘላ ናይ … ትግርኛ AMHNIV ነገር ግን ተጨንቀው የነበሩ ከእንግዲህ ተስፋ ቢስ አይሆኑም። በቀደመው ዘመን የዛብሎንንና የንፍታሌምን ምድር አዋረደ፤ በሚመጣው ዘመን ግን ከዮርዳኖስ ማዶ፣ በባሕር መንገድ አጠገብ ያለውን … አማርኛ SWAHSUV Lakini yeye aliyekuwa katika dhiki hatakosa changamko. Hapo kwanza aliiingiza nchi ya Zabuloni na nchi ya Naftali katik… Kiswahili