Maatewos 2

GAZGAZAfaan Oromoo23 Keeyyattoota4:23 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:23 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara mooticha Herodisitti, Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate, kunoo namoonni ogeeyyiin urjii lakkaa'an tokko ba'a-biiftuutii gara Yerusaalem dhufan.

2Isaan, ?Inni mootii Yihudootaa ta'ee dhalate eessa jira? Nuyi urjii isaa ba'a-biiftuutti arginee, isaaf sagaduu dhufneerra'o? jedhanii iyyaafatan.

3Herodis mootichi kana dhaga'ee in raafame, Yerusaalem guutuunis isaa wajjin in raafame.

4Yommus inni luboota warra angafootaa fi barsiisota seeraa saba Yihudootaa keessaa walitti qabee, Masiihiin eessatti dhalachuuf akka jiru isaan gaafate.

5Isaan immoo, ?Mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaa keessatti in dhalata. Raajichaan caafamee,

6?Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko saba koo Israa'elin kan bulchu in ba'a? kan jedhu jira? jedhan.

7Ergasii Herodis jarreen ogeessota ofitti waamee, yeroo urjichi itti mul'ate isaan irraa hubatee in bare.

8Jaraan immoo, ?Dhaqaatii waa'ee mucichaa hubadhaa qoraa! Anis dhaqee akkan sagaduufitti akkuma argattaniin immoo anatti himaa!? jedhee, Betlihemitti isaan erge.

9Kanaaf jarri waan mootichi jedhe erga dhaga'anii booddee karaa isaanii irra bu'an; kunoos urjiin isaan ba'a-biiftuutti arganii turan, hamma iddoo mucichi ture sana irra ga'ee dhaabatutti isaan dura in adeeme.

10Jarri urjicha yommuu argan gammachuu sonaan guddaa in gammadan.

11Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii, lafatti gad gombifamanii isaaf sagadan; qorxii isaaniis bananii, warqee, ixaanaa fi qumbii harka fuudhaa kennaniif.

12Gara Herodisitti akka hin deebineef abjuutti waan ajajamaniif, karaa biraatiin gara biyya isaaniitti deebi'uudhaaf sokkan.

13Erga jarri biyya isaaniitti sokkanii immoo, kunoo ergamaan gooftaa tokko abjuutti Yoseefitti mul'atee, ?Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!? ittiin jedhe.

14Yoseef yommus ka'ee mucicha, haadha isaas fudhatee halkaniin biyya Gibxitti in sokke.

15Hamma yeroo Herodis du'ettis achuma ture; kun waan Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin, ?Ani biyya Gibxii ilma koo waame? jedhee dubbate haa raawwatamuuf ta'e.

16Warri ogeessonni sun akka isa gowwoomsan yommuu hubate Herodis baay'ee aare; akka yericha isa warra ogeessota sana irraa gaafatee barettis Betlihemii fi naannoo ishee hundumaa keessaa ijoollee dhiiraa waggaa lama guutan yookiis isaa gad kan ta'an hundumaa akka ajjeesaniif namoota in erge.

17Kanaanis dubbiin raajicha Ermiyaasiin dubbatame in raawwatame;

18innis, ?Sagaleen Raamaatti dhaga'ame, sagalee boo'ichaa fi wawwaannaa ture; Raahel ijoollee isheetiif boosse, isaan waan hin jirreef jajjabaachuu didde? isa jedhuu dha.

19Yeroo Herodis du'etti garuu ergamaan gooftaa tokko biyya Gibxitti abjuutti Yoseefitti mul'atee,

20?Warri lubbuu mucichaa barbaadan du'aniiruutii, ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Israa'el dhaqi!? ittiin jedhe.

21Kana irratti inni ka'ee mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Israa'el in dhaqe.

22Arkelaawos qooda abbaa isaa Herodis Yihudaa irratti mo'uu isaa waan dhaga'eef garuu, Yoseef achi dhaquu in sodaate; abjuudhaanis gorfamee gara kutaa biyya Galiilaatti in sokke.

23Achis dhaqee, raajonni waa'ee Yesusiif, ?Inni ?Naaziricha? in jedhama? jedhanii kan dubbatan akka raawwatamuuf, mandara Naazireet jedhamtu tokko keessa jiraate.

Ibsa

2:1-8

Warri karaawwan ayyaana Waaqayyoo irraa fagaatanii jiraatan, yeroo baay'ee cimina guddaa agarsiisu, akkasumas Kiristoosii fi fayyina Isaa caalaatti beekuu baratu. Haata'u malee, ogummaan addaa yookiin beekumsi namaa qofti nama gara Isaa qajeelchuu hin danda'u. Nutti Kiristoos irraa barachuu kan qabnu, Dubbii Waaqayyoo, akka ifa bakka dukkanaa'e keessa ifuutti, xiyyeeffannaan dhaggeeffachuudhaan akkasumas barsiisa Hafuura Qulqulluu barbaaduudhaani. Warri urjiin ganamaa garaa isaanii keessatti dhalatee, beekumsa Kiristoos isaanitti fiduuf ka'eeraaf, waaqeffannaa Isaa hojii isaanii isa guddaa godhatu. Yeroo sana, Herodis baay'ee dulloomee kan ture, maatii isaatiif jaalala gonkumaa kan hin argisiifne, akkasumas daa'imni dhalate sun hanga nama guutuu ta'utti jiraachuun isaa hin mallee ta'us, sodaa morkataa tokkoon yaaddoo keessa galuu jalqabe. Inni amala hafuuraa mootummaa Fannoo (Masiihii) hin hubanne. Amantii du'aa irraa haa of eeggannu. Namni tokko dhugaa baay'eetti amanuu danda'a, garuu fedhii isaa yookiin jaalala cubbuu isaa wajjin walitti bu'uu waan isaanitti fakkaatuuf isaan jibbuu danda'a. Amantiin akkasii isa dhiphisa, akkasumas dhugaa fi sababa Waaqayyoo mormuuf caalaatti murteessaa isa taasisa; achi keessattis milkaa'ina argachuuf gowwaa ta'uu danda'a.

2:9-12

Warri fardaa kun urjicha arganii gammachuu akkamii akka dhagahatan, namni tokkollee akka warra yeroo qorumsaa fi gad-dhiifamuu dheeraa, kan gaddaan guutame keessa, humna hafuura garbummaa jala turanii, dhuma irratti Hafuura Ijoollummaa fudhatanii, Hafuurasaanii wajjin ijoollee Waaqayyoo akka ta’an dhugaa ba’an sana hin beeku. Nuuf salphaatti yaaduu dandeenya, yeroo isaan mana daaraa (mana hiyyeessaa) masaraa isaa akka ta’e, akkasumas haati isaa hiyyeettiin tajaajiltuu isaa tokkittiin akka turte argan, abdii kutachuun akkamii isaanitti dhaga’ame. Haa ta’u malee, warri fardaa kun ofii isaanii hin burjaajofne; garuu Mooticha barbaadan arganii, kennaawwan isaanii isaaf dhiheessan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ኢየሱስም በይሁዳ ቤተ ልሔም በንጉሡ በሄሮድስ ዘመን በተወለደ ጊዜ፥ እነሆ፥ ሰብአ ሰገል፦ “የተወለደው የአይሁድ ንጉሥ ወዴት ነው? ኮከቡን በምሥራቅ አይተን ልንሰግድለት መጥተናልና፡” እያሉ… አማርኛ ENGNIV After Jesus was born in Bethlehem in Judea, during the time of King Herod, Magi from the east came to Jerusalem English BCV ኢየሱስ ብዘመን ንጉስ ሄሮድስ ኣብ ቤተ ልሔም ምድሪ ይሁዳ ምስ ተወለደ፥ እንሆ ኻብ ሃገር ምብራቕ ዝመፁ ሰብኣ ሰገል፥ “ኮኸቡ ብምብራቕ ርኢና ኽንሰግደሉ መፂእና ኢና እሞ፥ እቲ ዝተወለደ ን… ትግርኛ GAZBIB Bara mooticha Herodisitti, Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate, kunoo namoonni ogeeyyiin urjii… Afaan Oromoo BCV GIZ ወተወሊዶ እግዚእ ኢየሱስ በቤተ ልሔም ዘይሁዳ በመዋዕለ ሄሮድስ ንጉሥ፡ ናሁ መጽኡ መሰግላን እምብሔረ ጽባሕ ወበጽሑ ውስተ ኢየሩሳሌም። giz BCV aksum ኢየሱስ ብዘመን ንጉስ ሄሮድስ ኣብ ቤተ ልሔም ምድሪ ይሁዳ ምስ ተወለደ፥ እንሆ ኻብ ሃገር ምብራቕ ዝመፁ ሰብኣ ሰገል፥ “ኮኸቡ ብምብራቕ ርኢና ኽንሰግደሉ መፂእና ኢና እሞ፥ እቲ ዝተወለደ ን… ትግርኛ AMHNIV በንጉሡ በሄሮድስ ዘመን፣ ኢየሱስ በቤተልሔም ይሁዳ ከተወለደ በኋላ ጠቢባን ከምሥራቅ ወደ ኢየሩሳሌም መጥተው፣ አማርኛ SWAHSUV Yesu alipozaliwa katika Bethlehemu ya Uyahudi zamani za mfalme Herode, tazama, mamajusi wa mashariki walifika Yerusalem… Kiswahili