Hin fayyine

11 Lakkoofsota7Afaan Oromoo

Luqaas 4:18-19

18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji'amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;

19waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera? kan jedhu ture.

Luqaas 5:32

32Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, cubbamoota gara yaada garaa isaanii geddarachuutti waamuun dhufe malee? isaaniin jedhe.

Luqaas 19:10

10Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera? jedhe.

Yohaannis 3:3

3Yesus, ?Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u? jedhee deebiseef.

Yohaannis 3:16-17

16?Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!

17Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee.

Roomaa 1:18-20

18Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi, jal'ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul'ata, isaanoo jal'ina isaaniitiin dhugaa gad in ukaamsu.

19Waa'ee Waaqayyootiif beekuun kan namaaf danda'amu isaaniifis hubatamaa dha, kanas Waaqayyo ofii isaa isaanitti hubachiiseera.

20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.

Roomaa 5:8

8Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.