1ffaa Qorontos 9

GAZGAZAfaan Oromoo27 Keeyyattoota4:56 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:56 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani birmaduu mitii ree? Ani ergamaa mitii ree? Ani gooftaa keenya Yesusin hin arginee ree? Isin bu'aa hojii ani gooftaadhaaf hojjedhe mitii ree?

2Ergamaa ta'uun koo warra kaan biratti hin fudhatamne yoo ta'e iyyuu, isin biratti fudhatamaa dha; isin kan gooftaa ta'uun keessan iyyuu ergamaa ta'uu koo mallattoodhaan in cimsa.

3Warra ana irratti dubbataniif deebii, waan ana irratti dubbataniifis falmata qaba.

4Waan nyaannu waan dhugnus argachuun nuuf hin ta'uu ree?

5Akka ergamoota warra kaanii, akka obboloota gooftaa, akka Keefaas nuyi immoo niitii amante fuunee iddoo hundumaatti wajjin adeemuun nuuf hin ta'uu ree?

6Yookiis anumaa fi Baarnaabaas duwwaatu soora keenyaaf addaan hojjechuun barbaachisee ree?

7Namni loltuu ta'ee qacarame, horii ofii isaatiin lola dhaqee beekaa ree? Namni waynii dhaabe, ija waynichaa hin nyaatuu ree? Namni horii tiksu, aannan horii sanaa hin dhuguu ree?

8Ani isa seerichi jedhun dubbadha malee, yaada namaa duukaa bu'ee kana hin dubbadhu.

9Seera keessatti, ?Qotiyyoo siribsiisaa irra jiru afaan isaa hin hidhin!? kan jedhu caafamee jira; egaa Waaqayyo qotiyyoota duwwaadhaaf dhimmee ree?

10Karaa hundumaa waa'ee keenyaaf dubbata mitii ree? Namni qotiisa qotu waa abdachaa akka qotuuf, inni midhaan siribsiisus ija isaatii hirmaachuudhaaf abdachaa akka siribsiisuuf, kun nuuf jedhe caafame.

11Nuyi wanta jireenya hafuuraatiif barbaachisu erga isiniif facaafnee, wanta jireenya fooniitiif barbaachisu utuu isin irraa haammannee nutti guddata turee ree?

12Warri kaan kan akkasii isin irraa argachuun in ta'aaf erga ta'ee, nuuf immoo caalaatti nuuf hin ta'u turee ree? Nuyi garuu waan nuuf in ta'a ture kanaan hin hojjenne, wangeela Kristositti danqaraa akka hin taaneef, waan hundumaa of irra keenye.

13Warri mana qulqullummaa keessaa hojjetan, mana qulqullummaatii nyaata isaanii akka argatan, warri iddoo aarsaatti qalma dhi'eessan isa aarsaadhaaf dhi'aate sana irraa akka hirmaatan hin beektanii ree?

14Akkasuma immoo warri wangeela labsan waan ittiin jiraatan wangeelichumaan akka argatan gooftichi abboomeeraaf.

15Ani garuu waan anaaf in ta'a ture kana keessaa tokkotti illee dhimma hin baane. Ammas wanta anaaf in ta'a ture kana argachuudhaaf jedhee kana caafuu koo miti; kanaa mannaa du'uu koo wayya. Waanan ittiin of jajuu danda'u kana, namni bishaan itti na duraa hin naqin.

16Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda'u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhabaadhe garuu, anaaf wayyoo!

17Fedha kootiin utuun kana godhee gatii nan argadhan ture; fedha koo malee erga ta'ee garuu, hojiin kun Waaqayyo biraa hadaraa anatti kennamuu isaa ti.

18Egaa bu'aan koo maali ree? Bu'aan koo lallabuu koo ti, wangeelaan isa argachuun anaaf in ta'a tures utuu hin gaafatin, wangeela tola namatti himuu dha.

19Namoota hundumaa biratti birmaduu ta'ee utuman jiruu, caalaatti namoota buufachuudhaaf hundumaaf garba of godheera.

20Yihudoota biratti, warra Yihudootaa buufachuudhaaf akka Yihudiin ta'e; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala yoon jiraachuu dhabaadhe iyyuu, warra seera jala jiran sana buufachuudhaaf akka nama seera jala jiruun ta'e.

21Warra seericha hin qabne biratti, isaan buufachuudhaaf akka nama seericha hin qabneen ta'e; haa ta'u iyyuu malee, seera Kristos jala waanan jiruuf, ani seera Waaqayyoo hin dhabne.

22Warra amantiitti xobbee ta'an biratti, warra amantiitti xobbee ta'an buufachuudhaaf akka nama xobbee ta'eera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta'eera.

23Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha.

24Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka ta'e hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!

25Namni dorgeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana.

26Anis akkuma kanatti akeeka koo bira ga'uudhaaf nan fiiga; abootuun koos akka nama akeeka isaa dhabee qilleensa rukutu hin ta'u.

27Ani warra kaan dorgomeetti waamee, ofii kootii akkan keessaa hin hambifamneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.

Ibsa

9:1-14 Tajaajilaan tokko ummataaf fedha gaarii qabaatee, akkasumas tajaajila jabaataa fi milkaa'ina qabu isaan gidduutti godheef deebii gaarii hin taane argachuun wanta haaraa miti. Namoota tokko tokkoo falmii kaasan deebisuudhaan, ergamaan kun ofii isaa fakkeenya of-dhiisuu godhee, gaarummaa warra kaaniif dhiheessa. Akkuma ergamoota kaanii, innis fuudhuuf mirga qaba ture; akkasumas, harka ofii isaatiin hojjetee argachuun malee, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa yoo qabaateef wanta barbaachisu waldaalee irraa gaafachuuf mirga qaba ture. Warra lubbuu keenyaaf gaarummaa hojjechuuf barbaadan hundaaf nyaanni isaaniif qophaayuu qaba. Garuu inni mirga sana gaafachuudhaan milkaa'ina isaa gufachiisuu mannaa, mirga isaa dhiiseera. Tajaajilaa isaanii jiraachisuun dirqama ummataati. Akkuma Phaawulos godhe, inni mirga isaa dhiisuu danda'a; garuu warri deeggarsa barbaachisaa didan yookiin dhowwatan ajaja Kiristoos cabsanidha.

9:15-23 Tajaajilaan tokko yoo ofii isaa gane, ulfina qaba; kunis akka Kiristoosiin tajaajiluu fi lubbuu oolchuu danda'uuf. Haa ta'u malee, tajaajilaan tokko Wangeelaaf jedhee mirga isaa yoo dhiise, hojii fi dirqamni isaa isa gaafatu irra ni caala.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኔ ነጻ አይደለሁምን? ሐዋርያስ አይደለሁምን? ጌታችንን ኢየሱስ ክርስቶስንስ አላየሁትምን? እናንተስ በጌታ ሥራዬ አይደላችሁምን? አማርኛ ENGNIV Am I not free? Am I not an apostle? Have I not seen Jesus our Lord? Are you not the result of my work in the Lord? English BCV ሓራዶ ኣይኮንኩን እየ? ሃዋርያዶ ኣይኮንኩን እየ? ንጐይታና ኢየሱስ ክርስቶስከ ኣይረአኽዎን ድየ? ንስኻትኩምከ፥ ብጐይታ ፍረ ስራሐይዶ ኣይኮንኩምን? ትግርኛ GAZBIB Ani birmaduu mitii ree? Ani ergamaa mitii ree? Ani gooftaa keenya Yesusin hin arginee ree? Isin bu'aa hojii ani gooftaa… Afaan Oromoo BCV GIZ ኢኮንኩኑ አግዓዜ ወኢኮንኩኑ ሐዋርያ? አኮኑ እግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ ዘርኢኩ ወኢኮንክሙኑ አንትሙ ግብርየ በእግዚእነ? giz BCV aksum ሓራዶ ኣይኮንኩን እየ? ሃዋርያዶ ኣይኮንኩን እየ? ንጐይታና ኢየሱስ ክርስቶስከ ኣይረአኽዎን ድየ? ንስኻትኩምከ፥ ብጐይታ ፍረ ስራሐይዶ ኣይኮንኩምን? ትግርኛ AMHNIV እኔ ነጻ ሰው አይደለሁምን? ሐዋርያስ አይደለሁምን? ጌታችንን ኢየሱስን አላየሁትምን? እናንተስ በጌታ የድካሜ ፍሬዎች አይደላችሁምን? አማርኛ SWAHSUV Je! Mimi si huru? Mimi si mtume? Mimi sikumwona Yesu Bwana wetu? Ninyi si kazi yangu katika Bwana? Kiswahili