Fudhachuu

24 Lakkoofsota22Afaan Oromoo

Maarqos 11:24

24Kanaaf isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaa'aa amanaa, isiniif ta'uufis jira!

Qolosaayis 3:23-24

23Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta'in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!

24Isin Kristos gooftaadhaaf waan hojjettaniif, isa gooftaan ijoollee isaatiif qopheesse akka gatiitti isa biraa akka argattan beekaa!

Yohaannis 16:24

24Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattus!? isaaniin jedhe.

Maatewos 7:7

7Yesus itti fufee, ?Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.

Yaaqoob 1:5

5Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir'ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.

Luqaas 6:38

38Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe.

2ffaa Qorontos 9:8

8Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii karaa hundumaa of dandeessanii hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda'aa dha.

Faarfannaa 143:6

6Harka koo gara keettan bal'isa; lubbuun koo si duratti akkuma lafa gogee bishaan barbaaduu ti.

Maatewos 10:8

8Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!

Maatewos 5:6

6Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru.

1ffaa Yohaannis 2:27

27Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waa'ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!

Roomaa 8:32

32Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?

Hojii Ergamootaa 5:32

32Nu immoo dubbii kana hundumaaf dhuga-baatuu dha, hafuurri qulqulluun, inni Waaqayyo warra isaaf abboomamaniif kennes, akkasuma dhugaa in ba'a? jedhan.

Yohaannis 4:14

14bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao? ittiin jedhe.

2ffaa Qorontos 4:16

16Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.

Lallaba 3:12-13

12Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka;

13namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyoo ti;

Roomaa 5:5

5Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu.

2ffaa Pheexiroos 1:3

3Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqayyummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera.

Lallaba 5:19

19Waaqayyo badhaadhummaa fi qabeenya namaaf kennee, akka namni ga'aa isaa fudhatee, wanta itti dadhabetti gammadu gochuun kennaa isaa ti;

Yohaannis 16:7

7Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.

Efesoona 1:18

18Waamichi isaa abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta'e beekuudhaaf, ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf kadhata koo ti.

Lallaba 5:18

18Kunoo, namni bara jireenya isaa ishee muraasa Waaqayyo lafa irratti kenneef kana keessatti nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabe hundumaattis gammaduun, wanta gaarii fi miidhagaa ta'ee nan arge; qoodni isaas kanuma.