Fincila

5 Lakkoofsota5Afaan Oromoo

Lakkoofsa 14:9

9Isin Waaqayyo irratti hin ka'inaa duwwaa malee, namoota biyya sanaa akkuma buddeena keenyaatti isaan in alalfanna! Gaaddisi isaanii isaan irraa sokkeera, nuu wajjin garuu Waaqayyotu jira, kanaaf isaan hin sodaatinaa!” jedhan.

Iyyaasuu 1:18

18namni abboommii keetiin mormu, namni dubbii kees hin dhageenye hundinuu haa ajjeefamu! Ati garuu cimi, ija jabaadhu!” jedhan.

Iyyaasuu 22:18

18Ammas isin Waaqayyo duukaa bu'uu dhiiftanii deebituu ree” Isin har'a Waaqayyo irratti yoo kaatan, inni immoo bor guutummaa waldaa Israa'elitti in dheekkama.

Iyyaasuu 22:19

19Biyyi isin qabattan kun qullaa'aa miti yoo ta'e, gara biyya isa kan Waaqayyo lafa godoon isaa jirutti ce'aatii nuu wajjin laficha irra taa'aa malee, Waaqayyo irratti kaatanii iddoo aarsaa Waaqayyo gooftaa keenyaa biratti iddoo aarsaa kan biraa hin ijaarratinaa; yakka kanattis nu hin dabalinaa!

Hoose'aa 7:14

14Siree isaanii irratti in wawwaatu malee, garaa isaaniitiin anatti hin iyyatan; midhaanii fi daadhii wayniitiif of in murmuru; ana irraa in gara galu.