Du’aa ka’uu
50 Lakkoofsota17Afaan OromooIyoob 14:12-15
12akkasuma namni in ciisa, deebi'ees hin ka'u; bantiiwwan waaqaa hamma dhabamanitti, namni hin dammaqu; yookiis hirriba isaa keessaa hin kaafamu.
13“Dheekkamsi kee hamma darbutti, iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksite, akkan hin argamnes utuu goote, yeroo muramaa laattee utuu na yaadatte, attam gaarii dha!
14Namni erga du'ee deebi'ee in jiraataa ree” Hamma inni na furu dhufutti, baran dadhabbiidhaan lafa irra jiraadhu hundumaatti isa nan eeggadha;
15ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha.
Iyoob 19:25-27
25Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka.
26Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira.
27Ani ofii kootii isa nan arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe.
Faarfannaa 16:9-10
Faarfannaa 17:15
15Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee ilaaluufan jira, dammaqees bifa kee arguu kootti nan quufa.
Faarfannaa 49:15
15Waaqayyo garuu humna iddoo lafa jalaa harkaa na baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata.
Isaayaas 25:8
8raawwatees du'a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera.
Isaayaas 26:19
19Warri kan keetii garuu in jiraatu, reeffi isaaniis du'aa in ka'a; isin warri awwaala keessa ciiftan, ka'aa, gammadaa faarfadhaa! Yaa gooftaa, fixeensi ati ergitu fixeensa jireenya kennuu dha, egaa laftis ekeraa warra du'anii ol in baafti.
Daani'eel 12:2-3
2Warra obbaafatanii garaa lafaa keessa rafan keessaas baay'een dammaqanii, kaan jireenya bara baraaf, kaanis yeelloo jibbisiisaa bara baraaf in ka'u.
3Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baay'ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru.
Maatewos 22:23-32
23Gaafasuma Saduqoonni, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan, gara Yesus dhufanii,
24?Yaa barsiisa, ?Namni tokko dhala utuu hin godhatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana dhaalee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhe Museen.
25Kunoo obboloonni torba nu gidduu jiraachaa turan; inni angafni niitii fuudhee, utuu dhala hin godhatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee du'e.
26Inni lammaffaan inni sadaffaanis hamma isa torbaffaatti ishee fuudhanii dhala utuu hin godhatin irraa du'an.
27Hunduma isaanii booddee immoo dubartittiin in duute.
28Egaa hundumti isaanii ishee fuudhanii turani'o, du'aa ka'uutti isaan torbanuu keessaa isa kamiif haadha manaa taati ree?? jedhanii isa gaafatan.
29Yesus garuu deebisee, ?Caaffata qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin beekiniif irraa kaattan.
30Du'aa ka'uutti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa ta'u malee hin fuudhan, hin heerumanis.
31Waa'ee ka'uu warra du'anii immoo isa Waaqayyo isiniin jedhe hin dubbifnee ree?
32Inni, ?Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob? jedheera. Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee? isaaniin jedhe.
Maatewos 24:31
31Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokko hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu? jedhe.
Maatewos 25:1-13
1Yesus yommus, ?Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata.
2Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afchaalota turan.
3Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne.
4Warri afchaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan.
5Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.
6?Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ?Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!? jedhutu dhaga'ame.
7Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan.
8Warri gowwoonni warra afchaalotaan, ?Ibsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa!? ittiin jedhan.
9Warri afchaalonni garuu deebisanii, ?Warra gurguran bira dhaqaatii bitadhaa malee, innoo nuufis isiniifis hin ga'u? jedhaniin.
10Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame.
11Durboota sana keessaa warri hafan immoo booddee dhufanii, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!? jedhaniin.
12Inni immoo deebisee, ?Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku? jedheen.
13Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!? jedhe.
Maatewos 27:52-53
Luqaas 14:14
14Ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; Waaqayyo garuu du'aa ka'uu warra qajeeltotaatti siif in deebisa? jedhe.
Luqaas 20:35-38
35bara biyya isa dhufu keessa jiraachuudhaaf, du'aa ka'uudhaafis, warri ayyaana argatan garuu, hin fuudhan hin heerumanis.
36Du'aa erga ka'anii deebi'anii du'uu hin danda'an, ergamoota Waaqayyoo fakkaatanii, warra du'aa ka'an waan ta'aniifis ijoollee Waaqayyoo ta'u malee.
37Museen iyyuu waa'ee daggala boba'uu yeroo caafetti, Waaqayyoon ?Gooftaa Abrahaam, gooftaa Yisihaq, gooftaa Yaaqoob? jedhee waameera; kanaanis warri du'an akka du'aa ka'an mul'iseera.
38Ammas gooftaan, Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiranii ti malee; isaaf hundinuu jiraatoo dha'o? isaaniin jedhe.
Yohaannis 5:21
21Abbaan warra du'an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa.
Yohaannis 5:28-29
Yohaannis 6:44
44Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa.