Luqaas 14

GAZGAZAfaan Oromoo35 Keeyyattoota7:22 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:22 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Sanbata tokkotti immoo Yesus, angafoota warra Fariisotaa keessaa mana isa tokkoo nyaataaf dhaqe; warri achi jiran immoo isa in gaadu turan.

2Kunoo, namni dhukkuba dhagna bobbokoksuun rakkatu tokko, fuula isaa dura ture.

3Yommus Yesus, ?Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seera moo, seera miti?? jedhee barsiisota seeraatii fi Fariisota gaafate.

4Isaan garuu calluma jedhan. Inni immoo namicha dhukkubsataa sana harkaan qabee fayyisee, isa galches.

5Kana booddee Yesus gara isaaniitti gara galee, ?Isin keessaa mucaan isaa yookiis horiin isaa boolla bishaanii keessa yoo duraa bu'e, guyyaa Sanbataatti iyyuu achumaan kan hin baafne jiraa ree?? jedheen.

6Isaan garuu kana irrattis deebii kennuufii hin dandeenye.

7Yesus iddoo ulfinaa fo'achuu isaanii yommuu hubate, fakkeenya tokkoon keessummoota warra waamamanitti dubbate.

8?Mana cidhaatti yommuu waamamtu, iddoo ol aanu ofii keetii fo'attee hin taa'in; inni si waame sun nama si irra caalu waameera ta'a.

9Inni sin, namichas waame sun dhufee, ?Iddoo kana nama kanaaf gad dhiisi? yoo siin jedhe, qaana'aa iddicha namichaaf dhiiftee, iddoo hundumaa irra gad aanu dhaqxee in teessa.

10Ati garuu yommuu waamamtu, dhaqiitii iddoo hundumaa irra gad aanu taa'i, inni si waames dhufee, ?Fira ko, as iddoo kana ol kottu? siin haa jedhuuf. Yommus namoota sii wajjin maaddiitti taa'an hundumaa duratti ulfina in argatta.

11Ol kan of qabu hundinuu gad in deebifama, gad kan of deebisus hundinuu ol in qabama? jedhe.

12Yesus namicha nyaataaf isa waameenis immoo, ?Irbaata yookiis cidha yommuu godhattu, fira kee yookiis obboloota kee yookiis aantii kee yookiis sooressota ollaa keetii hin waamin, isaanis immoo darabee isaanii si waamanii, gatii akka siif hin deebifnetti.

13Ati garuu waamicha yommuu godhattu, warra waan nyaatan hin qabne, warra bu'aan dhagna isaanii hir'ate, warra naafatan, warra jaaman waami!

14Ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; Waaqayyo garuu du'aa ka'uu warra qajeeltotaatti siif in deebisa? jedhe.

15Warra isaa wajjin maaddiitti taa'an keessaa tokko, kana yommuu dhaga'e Yesusiin, ?Maaddii mootummaa Waaqayyootti kan dhi'aatu ayyaantuu dha? jedhe.

16Yesus garuu, ?Namni tokko cidha guddaa isaa godhatee, namoota baay'ees waame.

17Yeroon nyaataa yommuu ga'e, ?Amma kottaa hundinuu qophaa'eera? jedhee warra waamaman haa yaadachiisuuf hojjetaa isaa itti erge.

18Warri waamaman garuu hundumti isaanii, ?Akka itti dhufnu hin qabnu? jedhanii hojjetichatti dhimma garaa garaa himachuu jalqaban. Inni duraa, ?Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta'a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!? jedheen.

19Inni lammaffaanis, ?Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo karaa irran jira, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!? jedheen.

20Inni kaanis, ?Dhi'oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu? jedheen.

21Hojjetichi galee kana gooftaa isaatti hime. Kana irratti abbaan cidhichaa aaree hojjetaa isaatiin, ?Ariifadhuu gara karaa gurguddaatii fi karaa qaxxaamuraa mandara keessaa dhaqiitii warra waan nyaatan hin qabneef, warra bu'aan dhagna isaanii hir'ate, warra jaaman, warra naafatanis ol galchi!? jedheen.

22Yommus hojjetichi, ?Yaa gooftaa, akka ati abboomtetti raawwatameera, garuu amma iyyuu iddoon jira!? jedheen.

23Gooftichi immoo hojjetichaan, ?Gara karaa gurguddaa biyya keessaatti, kelloota duubattis ba'iitii, manni koo hamma guututti ol haa galaniif nuffisiisi!? jedhe.

24Ani isinittan hima'o, jarreen dura waamamanii didan sana keessaa tokko illee maaddii koo irraa waa afaaniin hin qaban!? jedheen.

25Ammoo namoonni lakkoobsa hin qabne isaa wajjin utuu adeemanii, Yesus gara isaaniitti gara galee,

26?Namni gara koo dhufu, abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha manaa isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa, ofii isaas ana caalaatti kan jaallatu bartuu koo ta'uu hin danda'u.

27Fannoo isaa anaaf jedhee baatee na duukaa kan hin buune, bartuu koo ta'uu hin danda'u.

28?Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo ta'eef, taa'ee kan hin shallagne eenyu?

29Kanaa achi hundee isaa kaa'ee ijaarsa manichaa yoo raawwachuu dadhabe, kan kana argan hundinuu itti in gai'su;

30?Ilaa namni kun ijaaruu jalqabe garuu duuchuu dadhabe? jedhuun.

31Yookiis mootii kamii mootii kan biraa wajjin kan walitti duulu, isa loltuu kuma digdamaan itti dhufu kanas loltuu kuma kudhaniin ittiin qabuu danda'a yoo ta'eef, duraan dursee taa'ee kan hin mari'anne?

32Hin danda'u yoo ta'e garuu, mootichi isa loluudhaaf ka'e sun fagoo utuu jiruu namoota isaa itti ergee nagaa buusuudhaaf in kadhata.

33Akkuma kanattis eenyu illee isin keessaa qabeenya isaa hundumaa kan gad hin dhiifne bartuu koo ta'uu hin danda'u? jedhe.

34Itti fufees, ?Soogiddi waan ba'eessa, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe, maaliin deebi'ee miyeeffama ree?

35Lafa coomsuudhaaf xaa'ootti dabaluudhaafis waa'ee hin baasu, bakkeetti in gatama malee; gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedhe.

Ibsa

14:1-6

Fariisichi kun, akkasumas warri kaan, Yesus mana isaatti keessummeessuun kaayyoo hamaa qabaatee turetti fakkaata. Haata'u malee Gooftaan keenya, Sanbata irratti kana raawwachuu isaatiin gaagurri guddaan akka ka'u osoo beekuu iyyuu, nama tokko fayyisuu irraa hin dhoorkamne. Sanbata eeguu keessatti amala Waaqayyoof buluu fi jaalala namaa gidduu hidhata sirrii jiru, akkasumas hojiiwwan barbaachisummaa dhugaa qaban (real necessity) fi amaloota fedhii ofii guuttachuu (self-indulgence) gidduu garaagarummaa jiru hubachuun of eeggannoo guddaa gaafata. Ogeessummaan olirraa dhufu, hojii gaarii gochuu keessatti obsaan jabaatanii dhaabachuu barsiisa.

**14:7-14 Hojiiwwan jireenya keenya isa idilee keessattillee, Kiristoos waan nuti goonu, sagantaalee amantaa keenya keessattii qofaa osoo hin taane, siree nyaataa keenyattillee ni ilaala. Haalota hedduu keessatti, of tuuluun namaa isa gad buusuu isaa, akkasumas kabajaa dura gad of deebisuun akka jiru ni argina. Fayyisaan keenya asitti kan barsiisu, hojiin arjummaa hojii of argisiisuu irra akka caaluudha. Garuu Gooftaan keenya kan jechuu hin turre, arjummaan of tuulaa fi amantii maleessa ta'e akka badhaafamu osoo hin taane, ajaja Isaa warra hiyyeessaa fi rakkataa gargaaruuf kenname jaalala Isaa irraa kan ka'e akka eegamuufi.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6