Ari’atama
32 Lakkoofsota10Afaan OromooFaarfannaa 11:5
5Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jal'aas in qora, isa humnaan nama irratti ka'uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.
Maatewos 5:10-12
10Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.
11?Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari'atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa!
12Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ari'achaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta'a? isaaniin jedhe.
Maatewos 5:43-45
43Yesus, ? ?Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!? jedhamee akka himame dhageessaniittu.
44Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari'ataniifis kadhadhaa!
45Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa.
Maatewos 10:16-20
16Yesus itti dabalee, ?Kunoo, akka hoolota yeeyyii gidduu dhaqaniittan isin erga; egaa akka bofaa afchaala ta'aa, akka gugees garraamii ta'aa!
17Namoota irraa garuu of eeggadhaa! Yaa'iitti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa isaanii keessattis isin in reebu.
18Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dhugaa ba'uudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu.
19Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama.
20Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti.
Maatewos 10:38-39
Maarqos 10:28-31
28Phexros kana irratti, ?Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra? jedheen.
29Yesus immoo deebisee, ?Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise,
30bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala.
31Garuu baay'een warra dura jiran keessaa warra hundumaa booddee kan ta'an jiru, warra hundumaa booddee jiran keessaas warra duraa kan ta'an jiru? jedhe.
Maarqos 13:9-13
9?Garuu of eeggadhaa, isaanoo yaa'ii garaa garaatti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa keessattis in reebamtu, anaaf jettanii fuula abboota biyyaa, fuula moototaa duras in dhaabattu; kunis dhugaa isaanitti in ba'a.
10Duraan dursee wangeelli saba hundumaatti lallabamuun in ta'a.
11Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yommuu isin geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa! Waanuma yeroo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata malee.
12Yommus obboleessi obboleessa du'atti dabarsee in kenna, abbaanis mucaa isaa, ijoollonnis warra isaanii irratti ka'anii isaan in ajjeesisu.
13Anaaf jettanii hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya? isaaniin jedhe.
Yohaannis 16:1-4
1Yesus itti fufee, ?Ani kana hundumaa karaa irraa akka isin hin gufanneefan isinitti hime.
2Manneen sagadaa isaanii keessaa isin in baasu; caalaadhumatti iyyuu yeroon itti isin ajjeesan in dhufa; namni yoo isin ajjeeses Waaqayyoof waan hojjetu isatti fakkaata.
3Isaan abbaa yookiis ana waan hin beekiniif kana hundumaa in godhu.
4Egaa yeroon, kun hundinuu itti ta'u yommuu ga'u, kana isinitti himuu koo akka yaadattaniifan, kana isinitti dubbadhe. Ani jalqabatti dubbii kana isinitti hin himne, yommus ofii kootii isinii wajjinan ture? jedhe.
Hojii Ergamootaa 12:1-4
1Bara sanas Herodis mootichi, namoota bu'aa waldaa kristiiyaanaa turan tokko miidhuudhaaf ciqlee irra dhaabbate;
2Yaaqoobin obboleessa Yohannisis billaadhaan morma isaa irraa kuchisiise.
3Kun warra Yihudootaa akka garaa ciibse yommuu arge, itti dabalee Phexrosin immoo qabsiise; yeroon isaas yeroo namoonni ayyaana Maxinoo itti ayyaaneffatan ture.
4Herodis yommus Phexrosin qabsiisee mana hidhaatti galchisiisee, darabee isa haa eeganiifis loltoota kutata afuritti hiramanii, tokkon tokkon isaa nama afur afur qabutti kenne. Ayyaana Faasiikaa booddee garuu saba duratti akka qoramuuf isa dhi'eessuu barbaade.
Roomaa 12:14
14Warra isin ari'atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!