Karoora

18 Lakkoofsota17Afaan Oromoo

Fakkeenya 16:3

3Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba'a;

Ermiyaas 29:11

11yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuutti malee, yaada isin balleessu miti.

Luqaas 14:28

28?Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo ta'eef, taa'ee kan hin shallagne eenyu?

Faarfannaa 20:4

4Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!

Fakkeenya 16:9

9Namni garaa isaa keessatti yaada in qopheessa, Waaqayyo garuu tarkaanfii isaatti murtoo in godha.

Faarfannaa 143:8

8Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga'amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta'u ana beeksisi!

Fakkeenya 15:22

22mareen hin jiru yoo ta'e, wanti yaadame fiixaan hin ba'u; warri gorsa kennan yoo baay'atan garuu, fiixaan in ba'a;

Fakkeenya 19:21

21Yaada namaa keessa akeeka baay'eetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata.

Lallaba 3:1

1Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba;

Fakkeenya 23:4

4Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin, of qabuu kee argisiisuufis ogummaa qabaadhu!

Isaayaas 55:8

8Waaqayyo,“Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti;

Isaayaas 28:29

29kunis immoo Waaqayyo gooftaa maccaa isa gorsi isaa dinqii, isa ogummaan isaa guddaa biraa dhufe.

Faarfannaa 90:12

12Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaa'uu nu barsiisi!

Isaayaas 55:9

9akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata.

Amoos 3:7

7Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.

Fakkeenya 3:31-32

31Nama humna isaa namatti argisiifatutti hin hinaafin, karaa isaa keessaas tokko illee hin fo'atin;

32namni micciiramaan Waaqayyo duratti in ciigga'ama, warri yaada qajeelaa qaban garuu in amanamu.

1ffaa Qorontos 2:10

10Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul'ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.