Kurnoo

28 Lakkoofsota6Afaan Oromoo

Lewwoota 27:30-33

30“ ‘Midhaan biyyichaa keessaa, ija mukkeetii keessaas yoo ta'e, kudhan keessaa tokko kan baafamu hundinuu kan koo ti; inni ana Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha.

31Kudhan keessaa tokko isaa sana furachuu namni barbaade harka shanan gatii isaa keessaa harka tokko itti haa dabalu!

32Karra sa'aa keessaa, karra bushaayee keessaa guutummaa horii ulee tiksituu jala jiru keessaa harki kurnaffaan hundinuu ana Waaqayyoof qulqullaa'aa haa ta'u!

33Harki kurnaffaan kun gaariis gadhees yoo ta'e, namni isa hin barbaadin! Isa hin geddarinis! Yoo geddare immoo inni geddaramu, inni iddoo isaa bu'us lachanuu qulqullaa'oo haa ta'an! Inni hin furamin!” jedhi!” jedhe.

Lakkoofsa 18:21-26

21Kunoo! Ilmaan Lewwii dunkaana itti wal ga'an keessaa hojii waan hojjetaniif, kudhan keessaa tokko waan Israa'eloonni fidan hundumaa ani dhaala godhee kenneeraaf.

22Ammaa jalqabee gara fuul duraatti Israa'eloonni cubbuu itti ta'ee akka hin duunetti gara dunkaana itti wal ga'aniitti hin dhi'aatin!

23Warri Lewwootaa dunkaana itti wal ga'an keessaa hojii isaanii haa hojjetan! Yakka isaaniitti immoo in gaafatamu; kunis dhaloota dhufu keessatti seerrata dhaabataa in ta'a; isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaala waan hin qabneef,

24ani warra Lewwootaatiif kudhan keessaa tokko isa Israa'eloonni akka kennaa sochoofamutti ana Waaqayyoof dhi'eessan dhaala godhee kenneeraaf; kanaafan,“Isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaala hin argatan” jedhee ture” jedhe.

25Waaqayyo ammoo Museedhaan,

26“Warra Lewwootaatti dubbadhu; isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Kudhan keessaa tokko isa Israa'eloonni fidan, isa ani dhaala godhee isiniif kenne sana yommuu fudhattan, isinis immoo isa keessaa kudhan keessaa tokko akka aarsaa sochoofamuutti ana Waaqayyoof dhi'eessaa!

Keessa Deebii 14:22-29

22Ati dhugumaan wanta waggaa waggaatti lafa kee irraa galfattu hundumaa keessaa kudhan keessaa tokko baasuun si irra jira.

23Ati guutummaa bara jireenya keetii Waaqayyoon gooftaa kee sodaachuu akka bartutti, kudhan keessaa tokko midhaan keettii, kan daadhii waynii keettii, kan dhadhaa ejersaa keettii, isa saawwan kee fi bushaayee kee keessaa angafa dhalates, iddoo Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atutti, fuula isaa duratti nyaadhu!

24Yeroo Waaqayyo si eebbisutti immoo kudhan keessaa tokkoo sana geessuudhaaf iddoon Waaqayyo gooftaan kee maqaan isaa akka itti waamamuuf fo'atu sun si irraa fagaatee karaan isaa yoo sitti dheerate,

25ati horiitti isa calleessi! Horichas gudunfii harkatti qabadhuu gara iddoo Waaqayyo gooftaan kee fo'atu sanaa dhaqi!

26Horichaanis wanta barbaadde, sangaa yookiis hoolaa yookiis daadhii waynii yookiis dhugaatii cimaa, waanuma garaan kee kajeele biti! Achitti ati fuula Waaqayyoo duratti isa nyaadhuutii gammadi! Warri mana keetiis fuula Waaqayyoo duratti isa nyaatanii haa gammadan!

27Sanyii Lewwii isa kellaa mandaroota kee keessa jiraatu, isa sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin immoo hin irraanfatin!

28Dhuma wagguma waggaa sadaffaatti immoo wanta bara sana galfatte keessaa kudhan keessaa tokko hundumaa fidiitii kellaa mandaroota kee keessa kaa'i!

29Waaqayyo gooftaan kee waan hojjettu hundumaan akka si eebbisutti, sanyiin Lewwii inni sii wajjin qooda yookiis dhaala hin hirmatin, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirre, dubartiin abbaan manaa irraa du'e, warri kellaa mandaroota keetii keessa jiraatan dhufanii isa haa nyaatan, haa quufanis!

Maatewos 23:23

23?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Baala kefoo, inchilaala, ija dimbilaalaas kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu; garuu seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.

Luqaas 11:42

42Garuu Fariisota nana isiniif wayyoo, kan baala kefoo, kan inchilaalaa kan raafuus kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu, garuu namaaf dhimmuu akkasumas jaalala Waaqayyoo in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.

Ibraa'oota 7:2-9

2Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti tokkoffaa ?Mootii qajeelummaa ti? akkasumas mootii Saalem, inni immoo, ?Mootii nagaa? jechuu dha.

3Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata.

4Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji'e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu.

5Sanyii Lewwii ta'anii warri hojii lubummaa fudhatan, kudhan keessaa tokko saba isaanii irraa akka fuudhan, seeraan abboommii qabu; kudhan keessaa tokko sanas warra obboloota isaanii akkuma isaaniis sanyii Abrahaam turan irraa fuudhu jechuu dha.

6Namichi kun garuu sanyii isaanii keessaa utuu hin ta'in, Abrahaam isa abdiin kennameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise.

7Inni xinnaan harka isa isa caalutti akka eebbifamu, namni falmu hin jiru.

8Kudhan keessaa tokkoon inni kun namoota du'uuf jiraniin in fuudhama; inni sun garuu luba isa in jiraata jedhamee dhugaa ba'ameef sanaan fuudhame.

9Lewwiin inni sanyiin isaa kudhan keessaa tokko fuudhu ofii isaatii iyyuu, yeroo sana karaa Abrahaam ?Kudhan keessaa tokko baaseera? jechuun in danda'ama.