Kakuu

13 Lakkoofsota11Afaan Oromoo

Seensa 9:13

13ani sabbata koo duumessa keessa nan kaa'a, innis milikkita kakuu anaa fi biyya lafaa gidduutti ta'ee ti;

Keessa Deebii 31:8

8Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!” jedheen.

Keessa Deebii 7:9

9Egaa Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyoo dha, isa beeki! Inni Waaqayyo amanamaa dha; inni warra isa jaallatanii abboommii isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa in eega, gaarummaa isaas isaan in argisiisa.

Faarfannaa 103:17-18

17Gaarummaan Waaqayyoo garuu baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif itti in fufa;

18warra kakuu isaa eeganii, abboommii isaa raawwachuudhaaf yaadataniifis in ta'a.

Ibraa'oota 9:15

15Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in barbaadama.

Ba'uu 19:5

5Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu.

Ibraa'oota 8:6

6Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoof namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala.

Iyoob 31:1

1“Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree”

Ibraa'oota 13:20-21

20Ammas Waaqayyo inni nagaa kennu dhiiga kakuu bara baraa sanaan, gooftaa keenya Yesusin, tiksee hoolotaa isa guddicha warra du'an keessaa deebisee fideera.

21Innumti wanta isa gammachiisu karaa Yesus Kristos nu keessatti hojjechuudhaan, jaalala isaa akka gootaniif, waan gaarii hundumaan isin haa qopheessu! Kristosiif baruma baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.

Seensa 9:11

11Si'achi deebi'ee foon kan uffate hundinuu bishaan badiisaatiin lafa irraa akka hin balleeffamneef, ani isinii wajjin kakuu galeera; si'achis lafa balleessuudhaaf lolaan akkasii deebi'ee hin lola'u” jedhe.

Ba'uu 34:28

28Museen achitti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira ture; yeroo kanatti midhaan hin nyaanne, bishaanis hin dhugne; inni dubbii kakuu isa waa'ee abboommii kurnan sana gabatoota dhagaa irratti in caafe.