Kutaalee Qaama Tokko Hunda
31 Lakkoofsota2Afaan Oromoo1ffaa Qorontos 12:14-31
14Dhagni tokko immoo bu'aa dhagnaa baay'ee qaba malee, tokkicha duwwaa qaba miti.
15Fakkeenyaaf miilli, ?Ani harka miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti? yoo jedhe, kun bu'aa dhagnaa tokko ta'uu isaa hin oolchu.
16Gurris, ?Ani ija miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti? yoo jedhe, kun bu'aa dhagnaa tokko ta'uu isaa hin oolchu.
17Egaa guutummaan dhagnaa ija utuu ta'ee, attamitti dhaga'uu danda'a ree? Guutummaan dhagnaa gurra utuu ta'ee, attamitti fuunfachuu danda'a ree?
18Waaqayyo garuu bu'aa dhagnaa hundumaa adduma addaan akka ofii barbaadetti iddoo iddoo isaatti qopheesse.
19Bu'aan dhagnaa hundumtuu, bu'aa dhagnaa tokkicha isa waan tokkicha duwwaa hojjetu yoo ta'e, attamitti dhagna guutuu ta'a ree?
20Kanaaf akka amma jirutti, bu'aan dhagnaa baay'ee dha, dhagni garuu tokkicha.
21Ijji harkaan, ?Ati anaaf hin barbaachiftu? yookiis mataan miillan isaatiin ?Isin anaaf hin barbaachiftan? jechuu hin danda'u.
22Caalaatti iyyuu bu'aa dhagnaa hundumaa keessaa warra barbaachisoo hin fakkaannetu barbaachisoo dha.
23Bu'aa dhagnaa warra tuffatamoo nutti fakkaataniifis caalaatti ulfina in laannaaf; bu'aan dhagna keenyaa warri hin argisiifamne eegumsa caalaa in argatu,
24warra argisiifamaniif garuu eegumsi akkasii hin barbaachifne. Waaqayyo bu'aan dhagna namaa inni tuffatamaan ulfina caalaa akka argatutti walitti uume.
25Inni uumes gargar ba'uun bu'aa dhagnaa gidduutti utuu hin argamin, qixxeetti walii isaaniitiif akka yaadaniif kana godhe.
26Bu'aa dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin in dhiphatu; inni tokko yoo ulfaate, hundinuu isaa wajjin in gammadu.
27Ammas hundumti keessan dhagna Kristos, adduma addaanis bu'aa dhagna isaatii ti.
28Waaqayyos waldaa kristiiyaanaa keessatti duraan dursee ergamoota, lammaffaa warra waan inni itti mul'ise dubbatan, sadaffaa warra dubbii isaa barsiisan, kana booddees warra dinqii hojjetan, isaanitti aansees warra dhukkubsatoota fayyisuudhaaf kennaa qaban, warra namoota gargaaran, warra hojii geggeessan, warra afaan hin beekamneen dubbatan kaaseera.
29Hundumatu ergamootaa ree? Hundumatu mul'ata Waaqayyoo dubbataa ree? Hundumatu dubbii isaa barsiisaa ree? Hundumatu dinqii hojjetaa ree?
30Hundumatu kennaa dhukkubsatoota fayyisuu qabaa ree? Hundumatu afaan hin beekamneen dubbataa ree? Hundumatu isa dubbatame hiikaa ree?
31Isin garuu kennaa warra caalan argachuudhaaf dhama'aa! Ani immoo isaan kana hundumaa irra isa caalu iyyuu isinittan argisiisa.
1ffaa Qorontos 13:1-13
1Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e.
2Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, ani homaa miti.
3Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu.
4Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus;
5jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallannu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.
6Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu.
7Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
8Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.
9Wanti nuyi beeknu muraasa, wanti raajii dubbannus muraasa;
10raawwatamuun isaa yeroo ga'u immoo, inni muraasi kun in hafa.
11Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga'aa ta'ee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera.
12Nuyi amma akka nama of ilaalee keessatti waa argee abaluu isaa hin hubatin hafeetti in argina; yommus garuu fuula fuulaan in argina, wanti ani amma beeku muraasa, yommus garuu akkuman ofii beekame, anis guutuutti beekuuf jira.
13Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala.