Amoos 3

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota3:53 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:53 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus raajichi, “Yaa namoota Israa'el, dubbii Waaqayyoo isa inni isin irratti, guutummaa saba inni ofii isaatii biyya Gibxii baase irratti dubbate dhaggeeffadhaa!

2Innoo,“Saba lafa irraa hundumaa keessaa ba'eessa godhee beekee isin duwwaa ofitti qabeera; kanaafis ani yakka keessan hundumaa isinitti nan ilaala” jedheera” jedhe.

3Namoonni lama walitti dhufanii utuu waliif hin galin walii wajjin dhimma tokkoof adeemuu ree”

4Leenci yoo waa qabachuuf utaale malee, caakkaa keessaa aadee of dhageessisaa ree” Leenci saafelli yoo waa hin qabanne ta'e, mann'ee isaa keessaa sagalee isaa dhageessisaa ree”

5Allaattiin waan isheen barbaaddu kiyyoo keessa yoo jiraachuu dhabaate, isa keessa galtii ree” Futtaasaan, wanti qabamu utuu itti hin bu'in lafaa futta'aa ree”

6Fiinoon lolaa mandara keessatti yeroo afuufamu namoonni hin wareeranii ree” Utuu Waaqayyo biraa hin dhufin, wanti hamaan mandara tokko irra ga'aa ree”

7Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.

8Leenci in aada, egaa eenyu ree kan hin sodaanne” Waaqayyo gooftaan in dubbachiisa, egaa eenyu ree raajii kan hin dubbanne?

9Mana jajjaboo mandara Ashdood keessa, mana jajjaboo biyya Gibxii keessas warra jiraataniin, “Tulloota naannoo Samaariyaa gubbaatti walitti qabamaatii raafama gurguddaa namoota ishee gidduutti ta'uu fi cunqurfamuu ishee keessatti ta'u ilaalaa!” jedhaatii dhageessisaa!

10“Isaan wanta qajeelaa akka itti hojjetan hin beekan; wanta humnaan nama irratti ka'anii saamanii argatan manneetii isaanii warra jajjaboo keessa tuullatan” jedha Waaqayyo.

11Sababii kanaaf Waaqayyo gooftaan, “Diinni biyyicha in marsa, aangoo kees in cabsa; manneetiin kee warri jajjaboonnis in saamamu” jedha.

12Waaqayyo,“Akkuma tiksituun horii leenci qabatu irraa kottee lama yookiis cittuu gurraa buufatee dhi'eessu, hafteen namoota Israa'el warra Samaariyaa keessa afata gaggaarii irratti aara-galfachuudhaan itti tolee jiraataniis akkasuma in ta'a” jedha.

13Waaqayyo gooftaan maccaa akka jedhu! “Dhaggeeffadhaa, sanyii Yaaqoobis gorsaa!

14Guyyaa ani irra-daddarbaa Israa'el ilaalutti, iddoo aarsaa mandara Bet'el diiguudhaaf nan dhufa; gaanfonni iddoo aarsaas muramanii lafa in bu'u.

15Mana yeroo qorraa keessa taa'anii fi mana yeroo bonaa keessa taa'an nan jijjigsa, manneetiin ilka arbaatiin miidhagfamanis iddoodhaa in badu, manneetiin warri jajjaboonnis deebi'anii hin argaman” jedha; Waaqayyo kana dubbateera.

Ibsa

3:1-8 Ayyaanni Waaqayyo nutti adda baasee kenne, yoo cubbuu irraa nu hin dhoorgine, adaba irraa nu hin hambisu. Waaqayyo wajjin tokkummaa argachuu hin danda'an, yoo jalqaba nagaa isaa wajjin hin barbaanne. Bakka michummaan hin jirretti, tokkummaan jiraachuu hin danda'u. Waaqayyo fi namni yoo walii galan malee, waliin deemuu hin danda'an. Yoo ulfina isaa hin barbaanne, isaa wajjin deemuu hin danda'u. Mirga alaa irratti, ayyaana qulqulleessaa addaa malee, of hin tuulin.

Sodachiifni dubbii fi bulchiinsa Waaqayyoo cubbuu namaa irratti jiru dhugaa dha; akkasumas firdii Waaqayyoo dhihoo akka jiru shakkii malee argisiisa. Waaqayyo dhiphina erge, hanga hojii isaa xumurutti hin kaasu. Hamminni cubbuu nurraa dhufa, hojii keenya dha; garuu hamminni rakkoo Waaqayyo irraa dhufa, Innis kan hojjetu dha, eenyumtuu meeshaa yoo ta'eef.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የእስራኤል ልጆች ሆይ፥ እግዚአብሔር በእናንተ፥ ከግብፅ ምድር ባወጣሁት ወገን ሁሉ ላይ የተናገረውን ይህን ቃል ስሙ፤ አማርኛ ENGNIV Hear this word the Lord has spoken against you, O people of Israel–against the whole family I brought up out of Egypt: English BCV ኣቱም ደቂ እስራኤል፥ ኣነ እግዚኣብሄር ኣብ ልዕሌኹም፥ ኣብ ልዕሊ ዅሉ እቲ ኻብ ምድሪ ግብፂ ዘውፃእኽዎ ወገን ዝተናገርክዎ እዝ ቃል ስምዑ፤ ከምዙይውን በለ፦ ትግርኛ GAZBIB Yommus raajichi, “Yaa namoota Israa'el, dubbii Waaqayyoo isa inni isin irratti, guutummaa saba inni ofii isaatii biyya … Afaan Oromoo BCV GIZ ስምዑ ዘንተ ነገረ ዘይቤለክሙ እግዚአብሔር ቤተ እስራኤል ወኵሉ ሕዝብ ዘአውፃእክዎሙ እምድረ ግብፅ እንዘ ይብል፦ giz BCV aksum ኣቱም ደቂ እስራኤል፥ ኣነ እግዚኣብሄር ኣብ ልዕሌኹም፥ ኣብ ልዕሊ ዅሉ እቲ ኻብ ምድሪ ግብፂ ዘውፃእኽዎ ወገን ዝተናገርክዎ እዝ ቃል ስምዑ፤ ከምዙይውን በለ፦ ትግርኛ AMHNIV የእስራኤል ልጆች ሆይ፤ እግዚአብሔር በእናንተ ከግብፅ ባወጣሁት ሕዝብ ሁሉ ላይ የተናገረውን ይህን ቃል ስሙ፤ አማርኛ SWAHSUV Lisikieni neno hili alilolisema Bwana juu yenu, enyi wana wa Israeli, juu ya jamaa yote niliowapandisha kutoka nchi ya … Kiswahili