Ka'umsa Alaazaar
28 LakkoofsotaAfaan OromooYohaannis 11:17-44
17Yesus yommuu achi ga'e, Alaazaar du'ee erga awwaalamee guyyaa afur ta'uu isaa bare.
18Bitaaniyaan Yerusaalem irraa akka kiiloo metrii sadii yookiis adeemsa walakkaa sa'aatii duwwaa in fagaata ture.
19Yihudoonni baay'eenis waa'ee du'a obboleessa isaaniitiif Maartaa fi Maariyaamin jajjabeessuudhaaf dhufanii turan.
20Maartaan dhufa Yesus dhageessee, gad itti baate; Maariyaam garuu mana keessa in teessi turte.
21Maartaan yommus Yesusiin, ?Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture.
22Ammuma iyyuu immoo waanuma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka? jette.
23Yesus yommus, ?Obboleessi kee in ka'a? ittiin jedhe.
24Maartaan immoo deebiftee, ?Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du'an du'aa ka'anitti, akka inni ka'u ani beeka? jette.
25Yesus garuu, ?Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata.
26Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?? jedheen.
27Isheen kana irratti, ?Eyyee gooftaa, ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera? jetteen.
28Maartaan erga kana jettee booddee, dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin suuta jettee waamte; ?Barsiisaan as jira, si waamas? jette.
29Maariyaam akkuma kana dhageesseen, daftee kaatee gara Yesus dhaqxe.
30Yesus iddoodhuma Maartaan isatti dhufte ture malee, amma illee gandichatti hin galle.
31Yihudoonni warri ishee jajjabeessuudhaaf ishee wajjin mana keessa turan, Maariyaam daftee kaatee gad ba'uu ishee argan; isaan iddoo awwaalaatti boo'uu dhaqxi se'anii ishee duukaa in bu'an.
32Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, ?Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du'u ture? jetteen.
33Yesus boo'icha ishee fi boo'icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.
34?Eessatti awwaaltan?? jedhee gaafannaan, ?Kottuutii ilaali gooftaa!? jedhanii deebisaniif.
35Yesus imimmaan isaa dhangalaase.
36Yommus warri Yihudootaa, ?Ilaa attam isa jaallate!? jedhan.
37Isaan keessaa garri kaan garuu, ?Inni ija nama jaamaa bane kun, Alaazaar akka hin duune gochuu hin danda'u turee?? jedhan.
38Yesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture.
39Yommus Yesus, ?Dhagicha ittii fuudhaa!? jedhe; Maartaan obboleettiin isa du'e immoo, ?Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee har'a guyyaa afuraffaa isaa ti? ittiin jette.
40Kana irratti Yesus, ?Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?? isheedhaan jedhe.
41Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, ?Yaa abbaa! Anaaf dhaga'uu keetiif sin galateeffadha.
42Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe? jedhe.
43Kana jedhee sagalee guddaadhaan, ?Alaazaar as ba'i!? jedhee waame.
44Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, ?Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!? jedhee isaan abboome.