Kadhannaa
33 Lakkoofsota13Afaan OromooFakkeenya 15:8
8Waaqayyo aarsaa warra jal'ootaa in ciigga'a, kadhanni qajeelotaa garuu isatti in tola;
Fakkeenya 15:29
29Waaqayyo, nama jal'aattii fagoo dha, kadhata nama qajeelaa garuu in dhaga'a.
Fakkeenya 28:9
9nama seeraaf hin abboomamne, kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha.
Maatewos 6:5-15
5Yesus itti fufee, ?Yeroodhuma kadhattanis akka warra of argisiisanii hin ta'inaa! Isaan namootatti mul'achuudhaaf manneen sagadaa keessaa fi wal ga'ii karaa gurguddaa irra dhaabatanii kadhachuu in jaallatu; ani dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru.
6Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna.
7?Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin ta'inii, dubbii waa'ee hin baafne keessa hin deddeebi'inaa! Baay'ina dubbii isaaniitiif waan isaaniif dhaga'amu isaanitti fakkaata.
8Akka isaanii hin ta'inaa! Abbaan keessan, utuudhuma isin hin himatin iyyuu waan isiniif barbaachisu in beeka.
9?Egaa yommuu kadhattan, ?Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta'ee haa eegamu;
10mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u!
11Soora har'aa bor nu barbaachisu har'a nuuf kenni!
12Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!
13Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti. Ameen!]? jedhaa!
14?Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa.
15Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu? jedhe.
Maatewos 7:7-8
Maarqos 13:33
33Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga'u hin beektan.
Luqaas 6:12
12Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule.
Luqaas 21:36
36Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta'uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba'uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif kadhadhaa? jedhe.
Luqaas 22:31-32
Yohaannis 14:13-14
Hojii Ergamootaa 10:1-6
1Namichi Qorneelewos jedhamu tokko mandara Qiisaariyaa keessa jira ture; inni kutata waraana warra Roomaa ?Ixaaliqaa? jedhamee waamame irratti angafa dhibbaa ture.
2Inni nama Waaqayyoof bule, maatii isaa hundumaa wajjinis Waaqayyoon kan sodaate ture; warra Yihudootaa keessaa dadhaboota kan turan baay'ee in gargaare; yeroo hundumaattis dadhabbii malee Waaqayyoon in kadhata ture.
3Gaaf tokko akka sa'aatii salgafaatti mul'ata arge; mul'atichattis ergamaan Waaqayyoo tokko iddoo inni jiru dhufee, ?Yaa Qorneelewos!? jedhee itti dubbate.
4Qorneelewos yommus fajajee isa ilaalee sodaachaa, ?Maal inni yaa gooftaa?? jedhee gaafate. Ergamichi immoo deebiseefii, ?Waaqayyo kadhata kee dhaga'eera, dadhaboota gargaaruu kees yaadateera.
5Ammas namoota Yopheetti ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu waamsisi.
6Innoo Simoon isa gogaa duugu bira keessummummaa buufatee jira; manni Simoon immoo isa galaana qarqaraa ti? jedheen.
Roomaa 12:12
12Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!
Efesoona 6:10-12
10Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa.
11Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
12Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna.