Kophummaa
11 Lakkoofsota7Afaan OromooKeessa Deebii 31:8
8Waaqayyo ofuma isaatii si dura in adeema, sii wajjinis in ta'a, inni si hin dhiisu, si hin irraanfatus; hin sodaatin, hin na'inis!” jedheen.
Faarfannaa 23:4
4Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.
Faarfannaa 27:10
10Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.
Faarfannaa 142:4-6
4Ani gara mirga koo nan ilaala, nan eegas; garuu namni na yaadatu hin jiru; iddoon ani kooluu itti galu tokko illee anaaf hin hafne; namni tokko illee dhimma koo hin qabu!
5Yaa Waaqayyo, ani gara keetti nan iyyadha, “Ati isa ani kooluu itti galuu dha, biyya warra jiraatoo keessattis qooda koo ti” nan jedha.
6Ani baay'isee waanan mataa buuseef, iyyata koo anaaf dhaggeeffadhu! Warri na ari'atan baay'ee waan anatti cimaniif, ati isaan jalaa na baafadhu!
Yohaannis 14:18
18Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.
2ffaa Ximotewos 4:16-18
16Gaafa ani dura yaa'ii duratti dhi'aadhee falmadhe, hundumtuu na buusan malee, namni na bukkee dhaabate tokko illee hin argamne; gooftaan kana isaanitti hin lakkaa'in.
17Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta'inis akka isa dhaga'aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.
18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.
Ibraa'oota 13:5
5Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin ?Nu ga'a? jedhaa! Waaqayyo, ?Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!? jedheera.