Kufaatii Yerikoo

105 Lakkoofsota5Afaan Oromoo

Iyyaasuu 2:1-24

1Iyaasuun ilmi Nun ergasii Shiixiimii gaaddota lama dhoksaatti ergee,“Dhaqaatii biyyicha, caalaatti immoo mandara Yerikoo ilaalaa!” jedheen; isaanis in dhaqan; yommuu achi ga'an mana dubartii ejjituu“Rahaab” jedhamtu tokkoo dhaqanii achi in buufatan.

2Mootii Yerikoottis,“Kunoo, namoonni Israa'el biyyicha gaaduudhaaf halkan kana dhufaniiru” jedhanii himan.

3Kana irratti mootiin Yerikoo Rahaabitti ergee,“Namoonni gara kee dhufanii mana kee jiran kun guutummaa biyyichaa gaaduudhaaf waan dhufaniif gad isaan baasi!” jedhe.

4Dubartiin sun garuu namoota sana lamaan dhoksitee,“Eyyee dhuguma, jarreen tokko gara koo dhufaniiru, garuu eessaa akka isaan dhufan ani hin beeku.

5Isaan yeroo dimimmisee balballi kellaa mandaraa cufamutti ba'an; ani lafa isaan dhaqan hin beeku; dafaa isaan hordofaa in qaqqabdu” jette.

6Jara immoo bantii manaatti ol baaftee muka talbaa bantii manaa irra afamee ture jala dhoksite.

7Jarri ergaman sun hamma malkaa ce'umsa Yordaanositti duukaa bu'uudhaaf erga ba'anii booddee karri kellichaa in cufame.

8Warri gaadduun sun utuu hin ciisin isheen bantii manaa irratti isaan bira dhaqxee,

9isaaniin,“Waaqayyo biyya kana akka isiniif kenne ani beeka, nuyi isin in sodaanne, warri biyya kanaa hundinuu na'anii isin duraa akkuma gagaa baqaniiru.

10Yommuu isin biyya Gibxii baatan, akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse, waan isin Sihoonii fi Oog mootii Amoorotaa warra Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu turan lamaan gootan, isin raawwattanii akka isaan balleessitanis nu'oo dhageenyeerra.

11Nuyi yommuu waa'ee kanaa dhageenye, isin sodaannee onneen keenya akkuma gagaa in baqe; Waaqayyo gooftaan keessan ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo waan ta'eef, namni na'ee abdii hin kutatin hin turre.

12Egaa akkuman gaarii isiniif godhe, isinis mana abbaa koof gaarii akka gootan maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhaa, milikkita amansiisus anaaf kennaa!

13Abbaa koo, haadha koo, obboloota koo, obboleettota koo waan isaan qaban hundumaas oolchaa, du'a jalaas baasaa!” jette.

14Jarris deebisanii isheedhaan,“Wanta nuyi amma hojjechaa jirru kana hin himtan yoo ta'e, Waaqayyo biyyicha yommuu nuuf kennu, nu immoo gaarummaa fi amanamummaa yoo isin argisiisuu dhabaane, iddoo keessan nu haa ajjeesu!” jedhan.

15Manni dubartittiin keessa jiraatu gar tokkoon kellaa mandarichaa wajjin walitti waan ijaarameef, karaa qaawwa kellichaa funyoodhaan gad isaan buufte;

16jaraanis,“Warri isin hordofan akka isin hin arginetti, gara tulluu dhaqaatii hamma isaan deebi'anitti guyyaa sadii achi dhokadhaa, isa booddees karaa keessan irra bu'aa!” jette.

17Jarri immoo,“Kakaa amma nu kaksiifatte kanaaf ati akka nu hin komannetti,

18yommuu nuyi biyya kanatti linnu qaawwa isa amma keessaan gad nu buufte kanatti fo'aa bildiimaa kana hiitee, abbaa kee fi haadha kee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana keetti sassaabuun si irra jira.

19Namni mana keetii ala ba'ee karaa irratti yoo argame, gumaan isaa matuma isaa irra in ta'a; nuyi itti hin gaafatamnu; nama sii wajjin mana keessa jiru irratti namni harka isaa yoo ol fudhate garuu, nuyi itti in gaafatamna.

20Wanta nuyi hojjennu kana yoo himte garuu, kakaan ati nu kaksiifte kun nu irra hin ga'u” jedhan.

21Isheenis deebiftee,“Akkuma isin jettan haa ta'u!” jettee, isaan gad dhiifte; isaanis ka'anii in sokkan; isheen immoo fo'aa bildiimaa sana qaawwichatti in hiite.

22Hamma warri isaan hordofuudhaaf ka'an karaa irra isaan barbaadanii dhabanii deebi'anitti, isaan gara tulluu dhaqanii guyyaa sadii achi taa'an.

23Kana booddee namoonni sun lamaanis deebi'anii tulluu irraa gad bu'anii, laga ce'anii Iyaasuu ilma Nun bira dhufanii wanta isaan irra ga'e hundumaa itti himan.

24Isaan,“Waaqayyo dhugumaan guutummaa biyyichaa harka keenya keessa buuseera, warri biyyasii hundinuu sababii nu sodaataniif nu duraa akkuma gagaa baqaniiru” jedhanii Iyaasuutti himan.

Iyyaasuu 3:1-17

1Iyaasuunii fi Israa'eloonni hundinuu Shiixiimii ganama bariidhaan ka'anii gara laga Yordaanos in dhaqan; utuu lagicha hin ce'in achuma in buufatan.

2Guyyaa sadii booddees warri geggeessitoonni iddoo buufataa keessa adeemanii,

3namoota ajajanii,“Sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!

4Isin kanaan dura karaa kana baatanii waan hin beekneef, amma isa ilaaltanii yoo adeemtan, karaa irra adeemtan in beektu; haa ta'u iyyuu malee sanduuqichi akka dhundhuma kuma lamaa isinittii fagaatee haa adeemu; kana caalaa itti hin dhi'aatinaa!” jedhan.

5Iyaasuun yommus jaraan,“Waaqayyo bor wanta dinqisiisaa isin gidduutti waan hojjetuuf, of qulleessaa!” jedhe.

6Iyaasuun kana booddees lubootaan,“Sanduuqa kakuu ol fudhadhaatii jara dura bu'aa adeemaa!” jedhe; kana irratti isaan sanduuqa kakuu sana baatanii jara dura in adeeman.

7Waaqayyo ergasii Iyaasuudhaan,“Musee wajjin akkan ture akkasuma immoo sii wajjin ta'uu koo warri Israa'el akka beekanitti, ani har'a ija isaanii duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba.

8Ati immoo luboota sanduuqa kakuu sana baatan,“Qarqara bishaan Yordaanos yommuu geessan, bishaanichatti lixaa keessa dhaabadhaa!” jedhii ajaji!” jedhe.

9Kana irratti Iyaasuun Israa'elootaan,“As dhi'aadhaatii, dubbii Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'aa!

10Waaqayyo inni jiraataan isin gidduu akka jiru, inni dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorota, Yibusootas fuula keessan duraa oofee akka baasu in beektu.

11Kunoo, sanduuqi kakuu Waaqayyo gooftaa biyya lafaa hundumaa isin dura bu'ee Yordaanositti in lixa.

12Ammas gosoota Israa'el keessaa nama tokko tokko fo'adhaatii nama kudha lama dhi'eessaa!

13Akkuma luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa biyya lafaa hundumaa baatan faana miilla isaanii bishaan Yordaanos keessa kaa'aniin, bishaanichi gara irraadhaa gad yaa'aa jiru akka tuullaa ta'ee in dhaabata” jedhe.

14Yommuu sabni laga Yordaanos ce'uudhaaf iddoo buufataatii ka'an, luboonni sanduuqa kakuu baatanis isaan dura bu'anii in adeeman.

15Lagni Yordaanos guutummaa ji'a midhaan sassaabamuu keessa waan guutuuf, ammas guutee manii isaa keessaa ba'ee ture; haa ta'u iyyuu malee, luboonni warri sanduuqa kakuu baatan laga Yordaanos ga'anii, miilla isaanii hidhii bishaanichaa keessa akkuma kaa'aniin,

16bishaanichi yaa'uu dhiisee in dhaabate; inni gara irraadhaa gad yaa'aa jiru ol ka'ee hamma mandara Adaam isa Zaaretaanitti dhi'oo jirutti ol fagaatee in tuulame; bishaanichi inni gad darbe gara galaana Arabaayi isa “Galaana soogiddaa” jedhamutti yaa'u immoo raawwatee irraa in cite; sabni sun garuu fuullee Yerikootiin in ce'an.

17Yeroo Israa'eloonni hundinuu Yordaanos keessa lafa gogaa irra ce'aa turan, luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan immoo, hamma sabni sun guutummaatti Yordaanos keessa adeemee ce'utti, jabaatanii laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra in dhaabatu turan.

Iyyaasuu 4:1-24

1Sabni guutummaatti Yordaanosin erga ce'ee booddee, Waaqayyo Iyaasuudhaan,

2“Gosoota kana keessaa adda addaan nama tokko tokko fo'adhuutii nama kudha lama dhi'eessi!

3Bishaan Yordaanos walakkaa iddoo miilli lubootaa ijaajjaa jiru dhagoota kudha lama fuudhaatii iddoo galgala kana bultan lafa naqaa!” jedhe.

4Iyaasuun yommus Israa'eloota keessaa nama tokko tokko warra gosoota keessaa fo'aman kudha lamaan sana walitti in waame.

5Inni isaaniin,“Sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyo gooftaa keessanii dura darbaatii, hamma bishaan Yordaanos walakkaatti adeemaa! Akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti tokkon tokkon keessan dhagaa tokko tokko fuudhaatii gatiittii keessanitti baadhaa!

6Kunis isin gidduutti akka milikkitaatti haa hojjetu! Eger bor ijoolleen keessan,“Dhagoonni kun maal isiniif godhu?” jedhanii yommuu isin gaafatan,

7isin immoo,“Bishaan Yordaanos utuma yaa'uutti jiruu sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo duraa gargar in cite; sanduuqi kakuu yommuu Yordaanosin ce'e, bishaan Yordaanos waan gargar citeef, dhagoonni kun namoota Israa'eliif bara hundumaa seenaa in ta'u” jedhanii haa himan!” jedhe.

8Kana irratti Israa'eloonni akkuma Iyaasuun isaan abboome in godhan; isaan akkuma Waaqayyo Iyaasuu abboome akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaadhaa fuudhanii baatanii iddoo buufata isaaniitti geessanii lafa in naqan.

9Iyaasuun immoo dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaa lafa luboonni warri sanduuqa kakuu baatan dhaabachaa turan ol qajeelchee in dhaabe; dhagoonni kunis hamma har'aatti iyyuu achuma jiru.

10Dubbiin Waaqayyo sabatti himi jedhee Iyaasuu abboome hundinuu akka isa Museen Iyaasuu abboometti hamma raawwatamutti, luboonni warri sanduuqa kakuu baatan bishaan Yordaanos walakkaa in dhaabatan; sabni immoo ariitiidhaan in ce'e.

11Erga isaan hundinuu ce'anii raawwatanii booddee, luboonni sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo baatan ce'anii sabicha dura in darban.

12Ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi, ilmaan Minaasee isa walakkaa gosaas akkuma Museen isaan ajajetti mi'a lolaa hidhatanii Israa'eloota dura bu'anii in ce'an.

13Namoonni mi'a lolaa hidhatanii fuula Waaqayyoo duratti lolaaf dachaa Yerikootti ce'an akka kuma afurtamaa turan.

14Yeroo sana Waaqayyo guutummaa Israa'el duratti Iyaasuu nama guddaa godhe; isaan akkuma bara jireenya isaa hundumaatti Musee sodaachaa turan, isas in sodaatan.

15Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,

16“Luboonni warri sanduuqa dhuga-baatuu baatan bishaan Yordaanos keessaa akka ba'an abboomi!” jedhe.

17Iyaasuunis,“Bishaan Yordaanos keessaa ba'aa!” jedhee luboota in abboome.

18Luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan Yordaanos keessaa ba'anii miilli isaanii lafa gogaa irra yommuu ejjete, bishaan Yordaanos iddoo isaatti deebi'ee akkuma isaa durii guutee manii isaa irra in danbali'e.

19Yommus sabni sun ji'a isa duraa, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti laga Yordaanos keessaa ba'ee daarii Yerikoo gara ba'a-biiftuutiin mandara Giilgal in buufate.

20Kana booddee Iyaasuun dhagoota kudha lamaan jarri Yordaanos keessaa fuudhan ol qajeelchee Giilgal keessa in dhaabe.

21Inni Israa'elootaan,“Eger bor ijoolleen keessan,“Dhagoonni kun maali?” jedhanii isin abboota isaanii yommuu gaafatan,

22isin immoo,“Warri Israa'el Yordaanos kana lafa gogaa irra ce'an” jettanii ijoollee keessanitti in himtu.

23“Waaqayyo gooftaan keessan hamma nuyi ceenutti galaana diimaa fuula keenya duraa akkuma gogse akkasuma immoo hamma isin ceetanitti Yordaanosin fuula keessan duraa in gogse.

24Sabni warri kaan hundinuu harki Waaqayyoo jabaa ta'uu isaa akka beekaniif isinis bara hundumaa Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaataniif kana godhe” jedhaa!” jedhe.

Iyyaasuu 5:1-15

1Mootonni Amoorotaa warri Yordaanos gama gara lixa-biiftuu jiran hundinuu, mootonni Kana'aanotaa warri daarii galaana guddichaa jiran hundinuus, Waaqayyo hamma Israa'eloonni Yordaanos ce'anitti bishaan Yordaanos akka gogse yommuu dhaga'an, Israa'eloota duratti onneen isaanii akka gagaa baqe, hafuuraa in citan.

2Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Dhagaa qara qabu qopheeffadhuutii ammas Israa'eloota dhagna qabi!” jedhe.

3Kana irratti Iyaasuun dhagaa qara qabu qopheeffatee Gibi'aat-Haaraalotitti Israa'eloota dhagna in qabe.

4Namoota biyya Gibxii ba'an keessaa dhiironni warri waggaan isaanii duulaaf ga'e hundinuu, Gibxii erga ba'anii booddee lafa onaa keessatti karaatti waan du'aniif, Iyaasuun isaan kana dhagna in qabe.

5Namoonni warri biyya Gibxii ba'an hundinuu dhagna qabatanii turan; warri booddee lafa onaa keessatti karaatti dhalatan hundinuu garuu dhagna hin qabanne turan.

6Israa'eloonni waggaa afurtama lafa onaa keessa deddeebi'an; namoonni warri biyya Gibxii yommuu ba'an waggaan isaanii duulaaf ga'e hundinuu sagalee Waaqayyoof abboomamuu waan didaniif in dhuman; Waaqayyo biyya isa aannanii fi damma baasu, isa nuuf kennuudhaaf abboota isaanii abdachiise kana akka isaan hin argisiifne in kakate.

7Kanaaf Iyaasuun ijoollee isaanii warra isaan booddeedhaan ka'an dhagna qabee iddoo abboota isaanii isaan buuse; isaan karaa irra waan turaniif utuu dhagna hin qabatin turan.

8Sabni guutummaatti erga dhagna qabamee booddee, hamma fayyutti iddoo buufata isaa keessa ture.

9Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Ani har'a arrabsoo warra Gibxii si irraa gara galcheera” jedhe; kanaaf maqaan iddoo sanaa hamma har'aatti“Giilgal” jedhamee waamame.

10Israa'eloonni Giilgalin buufatanii utuu jiranii ji'icha keessaa guyyaa kudha afuraffaa galgala dachaa Yerikootti Faasiikaa in ayyaaneffatan.

11Isaan borumtaa ayyaana Faasiikaa sana midhaan biyya sanaa keessaa maxinoo fi akaayii nyaatan.

12Maannaan borumtaa isaan midhaan biyya sanaa nyaatan dhaabate; Israa'eloonni waggaa sana keessa midhaan biyyi Kana'aan baasu nyaatan malee, ergasii deebi'anii maannaa hin arganne.

13Iyaasuun mandara Yerikootti yommuu dhi'aate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee, gara isaa dhaqee,“Ati gara keenya moo gara diinota keenyaati?” jedhee isa gaafate.

14Inni immoo deebisee,“Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe” jedhe; Iyaasuun immoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii,“Yaa gooftaa ko ana garbicha keetti maal himta?” jedhee isa gaafate.

15Angafni loltuu Waaqayyoo sun deebisee Iyaasuudhaan,“Iddoon ati dhaabattu kun qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee kee miilla keettii baafadhu” jedhe; Iyaasuunis akkasuma in godhe.

Iyyaasuu 6:1-25

1Sababii Israa'elootaaf karri mandara Yerikoo jabaatee cufamee ture; namni isa keessaa gad hin ba'u, isattis ol hin galu ture.

2Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Ilaa, ani Yerikoo mootii isaa fi loltoota isaa warra jajjaboo wajjin harka kee keessa buuseera.

3Ati namoota mi'a lolaa hidhatanii wajjin mandaricha guyyaatti si'a tokko naanna'i! Guyyaa ja'a akkuma kana godhi!

4Luboonni torba fiinoo torba baatanii sanduuqa kakuu dura haa adeeman! Guyyaa torbaffaatti immoo luboota fiinoo afuufaa adeemanii wajjin mandaricha si'a torba naanna'aa!

5Yommuu isaan utuu gargar hin kutin fiinoo afuufan, akkuma sagalee fiinoo dhageessaniin namoonni hundinuu guddisanii itti haa iyyan! Yommus masaraan mandarichaa in jiga, namoonnis adda addaan irra yaa'anii qajeelanii ol itti in galu” jedhe.

6Kana irratti Iyaasuun ilmi Nun luboota waamee,“Sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol fudhadhaa! Luboonni torba fiinoo torba baatanii sanduuqicha dura haa adeeman!” isaaniin jedhe.

7Jaraan immoo,“Ittuma fufaatii mandaricha naanna'aa, warri mi'a lolaa hidhatan sanduuqa kakuu Waaqayyoo dura haa darban!” jedhe.

8Iyaasuun jaratti erga dubbatee booddee, luboonni torban warri fuula Waaqayyoo dura fiinoo torba baatanii adeeman, fiinoo sana afuufaa dura in darban; sanduuqi kakuu Waaqayyoos isaan duukaa in bu'e.

9Warri mi'a lolaa hidhatan immoo luboota warra fiinoo afuufan dura bu'an; warri kaan immoo sanduuqa kakuu booddeedhaan in adeeman, fiinoonis utuu gargar hin citin in afuufame.

10Iyaasuun immoo,“Gaafa ani,“Iyyaa!” jedhee isinitti himu iyyaa malee, amma hin iyyinaa, sagalee keessan hin dhageessisinaa! Dubbiin tokko illees afaan keessan keessaa hin ba'in!” jedhee, jara in abboome.

11Yommus inni, sanduuqi kakuu Waaqayyoo si'a tokko mandaricha naanna'ee akka waliin ga'u in godhe; kana booddee namoonni iddoo buufataatti deebi'anii achi bulan.

12Iyaasuun borumtaa ganama obboroodhaan in ka'e, luboonnis sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol in fudhatan.

13Luboonni torban warri fiinoo torba baatan utuu wal irraa hin kutin fiinoo afuufaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo dura darban; warri mi'a lolaa hidhatan isaan dura bu'anii in adeeman; namoonni warri kaan immoo sanduuqa kakuu booddeedhaan adeeman; fiinoonis utuu gargar hin citin in afuufame.

14Guyyaa lammaffaattis mandaricha si'a tokko naanna'anii, iddoo buufataatti deebi'an; guyyaa ja'a akkuma kana godhan.

15Isaan ammas guyyaa torbaffaatti ganama obboroodhaan akkuma duriitti ka'anii mandaricha si'a torba in naanna'an; guyyaatti si'a torba mandaricha naanna'uun isaanii guyyaa sana duwwaa ture.

16Si'a torbaffaa irratti yommuu luboonni fiinoo afuufan, Iyaasuun jaraan,“Waaqayyo mandaricha isiniif kenneeraatii iyyaa!

17Mandarichi, wanti isa keessa jiru hundinuus raawwatee haa balleeffamu! Rahaab ishee ejjituu duwwaan warra nuyi ergine waan nuuf dhoksiteef, isheenii fi warri ishee wajjin mana ishee keessa jiran hundinuu in oolu.

18Egaa isin wanta raawwatee balleeffamuun irra jiru kana keessaa fudhattanii badiisa of irratti akka hin fidnetti, iddoo buufata Israa'elis kan badiisaa gochuudhaan rakkina akka itti hin fidnetti of eeggadhaa!

19Garuu meetiinii fi warqeen, qodaan sibiilaa fi kan sibiila borrajjii hundinuu Waaqayyoof kan qullaa'an waan ta'aniif, iddoo qodaan Waaqayyoo taa'utti haa galfaman!” jedhe.

20Fiinoon in afuufame, jarris in iyyan; yeroo fiinoon afuufamee jarri iyyanitti, masaraan mandarichaa in jige; namoonnis adda addaan irra yaa'anii qajeelanii ol itti galanii mandaricha in qabatan.

21Isaanis mandaricha keessa kan jiru hundumaa dhiirota, dubartoota, mucoolii, jaarsolii, saawwan, hoolota, harrootas billaadhaan in ajjeesan.

22Iyaasuun yommus jara duraan biyyicha gaadanii deebi'an sana lamaaniin,“Mana dubartii ejjituu sanaa dhaqaatii, akkuma dur kakattaniifitti ishee, warra kan ishee ta'an hundumaas achii baasaa!” jedhe.

23Dargaggoonni warri gaaduu dhaqanii turan sun lamaan ol lixanii Rahaabin, abbaa ishee fi haadha ishee, obboloota ishee, warra kan ishee ta'an hundumaas gad baasan; akkasitti maatii isaanii hundumaa fidanii iddoo buufata Israa'el duuba in kaa'an.

24Isaan yommus meetiidhaa fi warqee, qodaa sibiilaa fi kan sibiila borrajjii duwwaa iddoo qodaan mana Waaqayyoo taa'u keessa kaa'an malee, mandarichaa fi wanta mandaricha keessa jiru hundumaa ibiddaan in guban.

25Iyaasuun garuu Rahaab ishee ejjituun warra Yerikoo gaaduudhaaf ergaman sana dhoksitee waan baafteef, isheenii fi warri mana abbaa isheetii, warra kan ishee ta'an hundumaa wajjin akka oolan godhe; isheen hamma har'aatti Israa'el keessa jirti.