Sammuu
16 Lakkoofsota15Afaan OromooEfesoona 5:15-16
Qolosaayis 3:2
2Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!
Maatewos 22:37
37Yommus Yesus deebisee, ? ?Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?.
Fakkeenya 19:8
8namni qalbii qabu ofii isaa jaallata, nama hubannaa of keessaa qabuuf immoo wanti inni hojjetu in tolaaf.
Fakkeenya 27:12
12Namni hubataan wanta hamaa argee jalaa in dhokata, wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.
Fakkeenya 27:17
17sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama.
Yaaqoob 3:13
13Isin keessaa namni ogeessi hubataanis jiraa? Inni karaa garraamummaa ogummaa keessaa argamu sanaa, adeemii isaa isa gaariidhaan hojii isaa isa gaarii haa mul'isu.
Maatewos 7:24
24Yesus, ?Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
Roomaa 12:3
3Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta'u caalaatti akka of hin yaanne, tokkon tokkon keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennametti akka of ilaaluun ta'uufitti, haa yaadu!
Roomaa 1:20
20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.
Lallaba 1:18
18ogummaa baay'ee keessa aarii guddaatu jira, kan beekumsa dabalatus mataa dhukkubbii dabalata.
Fakkeenya 17:28
28gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.
1ffaa Qorontos 2:2
2Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture.
Fakkeenya 15:5
5Gowwaan gorsa abbaa isaa tuffata, namni ifata dhaga'u garuu hubataa dha;
Fakkeenya 3:13
13Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu!