Samii
15 Lakkoofsota6Afaan OromooMaatewos 5:10
10Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti.
Maatewos 6:19-21
19Yesus ammoo, ?Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daana'oon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa!
20Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daana'oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa!
21Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama? jedhe.
2ffaa Qorontos 5:1-5
1Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka qabnu in beekna.
2Isa ammaa kana keessatti baay'ifnee in aadna, mana keenya isa waaqa irraas irrumatti dabalachuudhaaf in hawwina.
3Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee qullaa keenya akka hin argamneef;
4godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu, ba'aan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti dabalachuudhaaf, kanaanis inni du'u jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti.
5Inni akeeka kanaaf nu qopheessu immoo, Waaqayyo isa hafuura isaa qabsiisa nuuf kennee dha.
Qolosaayis 1:5-6
5Kana gochuun keessanis sababii abdiin waaqa irra isiniif kaa'amee jiruuf; waa'ee abdii kanaa duraan dursitanii wangeela isa dhugaa irraa dhageessaniittu.
6Wangeelli kunis isin bira jira; guutummaa biyya lafaa keessa akkuma jiru, ija godhachaas akkuma bal'atu, erga gaafa isa dhageessanii, ayyaana Waaqayyoos dhugumaan hubattanii akkasuma isin gidduuttis hojjechaa jira.
2ffaa Ximotewos 4:18
18Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta'u! Ameen.
Mul'ata 21:1-3
1Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.
2Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamtetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge.
3Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, ?Kunoo iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.