Shakkii
7 Lakkoofsota7Afaan OromooFaarfannaa 42:5
5Yaa lubbuu ko, maaliif akkas gadditee dhiphatta” Maaliifis akkas ana keessatti gabii dhabda” Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi'ee gargaarsa isa biraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta'uu isaatiifis isa jajachuufan jira!
Faarfannaa 49:5
5Guyyaa wanti hamaan na irra ga'u, warri faana na dha'an hamaa gochuudhaaf yommuu anatti marsan, maaliifan sodaadha”
Faarfannaa 77:3
3Waa'ee Waaqayyoo nan yaadadha, hafuura dheeraas nan baafadha; gad fageessee itti yaaduu koo irraa kan ka'es hafuurri koo in xinnaate.
Faarfannaa 77:8
8Gaarummaan isaa dhumee baraan iyyuu akka hin argamne ta'ee ree” Wanti inni dubbii isaatiin abdachiise, dhalootaa hamma dhalootaatti citee hafee ree”
Fakkeenya 24:10
10Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.
Isaayaas 40:27
27Yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, “Karaan koo Waaqayyo duraa in dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaalamne” jettee maaliif dubbatta” Maaliifis komatta”
Luqaas 8:25
25Kana booddee inni bartoota isaatiin, ?Meerree amantiin keessan?? jedhe; isaan garuu naasuudhaaf dinqifachuudhaan, ?Namni kun eenyu? Innoo qilleensaa fi bishaan in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.